XANNACHA DAFQAA

Dafqi dhangala’aa qaamni keenya uumamaan tempireechara/hoo’a qaama keenyaa too’achuuf maddisiisuudha. xannacha dafqaa Kana gochuuf immoo, gogaa keenya irratti kan argaman xannachoo taxixiqqoo xannachoota dafqaa (sweatglands) jedhaman gosa lamatu jira. Isaanis:-

1. Xannacha ‘Eccrine’:- Xannacha ‘Eccrine’ kan jedhamu, gogaa qaama keenya haguugee argamu hundairratti argamu. Xannachi ‘eccrine’ keessattuu, ganaa harkaa fimiilaa irratti baay’inaan argama. Xannachi kun nama hunda umrii kamuu irratti (all age group) dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisuudha.

2. Xannacha ‘Apocrine’:- Xannachi dafqaa kun ammoo iddoo foolikiliin rifeensaa itti baay’atu kan akka bobaa jala, mataa, naannoo qaama saalaa, fiixee harmaa, keessoo gurraa, naannoo teessumaa, qola ijaa fi kkf tti kan argamu ta’ee dalagaan isaa iddoodhaa iddootti garagara ta’eedha; fknf naannoo bobaatti dafqa furdaa (viscous) kan wantoota garagaraa kan akka pirootiinii fi kan biroo of keessaa qabu maddisiisa.

Akkuma olitti jenne, sababa garagaraaf tempireecharri/hoo’i qaama keenyaa yoo olka’u; Fknf, aduu keessa yoo deemne, sochii qaamaa yoo hojjanne qaamni keenya isa too’achuuf gama xannachoota kanniiniin dafqa maddisiisuun deebii kenna (qaama qabbaneessa).

FOOLII BADAA BOBAA JALAA (BAD ARMPITSSMELL)

Dafqi haala armaan olitti jenne kanaan faayidaa osoo kennuu, al tokko tokko baay’achuu danda’a, akkasumas, foolii badaa akka qabaannuuf sababa ta’a. Kunis, yeroo baay’ee rakkoo fayyaahamaa qabaachuu baatus, ofitti amanamummaa keenya gadi buusuu fi hariiroo nama biraa waliin qabnu hir’isuu danda’a.

Akkamitti Uumama?

Xannachi Apocrine qabiyyee dafqaa inni maddisiisu kan ta’e pirootiiniin baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara asiidii fi keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Xannachi kun kan inni hojii isaa eegaluu fi dafqa maddisiisu tibba dargaggummaatti (Puberty); Yeroo kana immoo, wantoonni akka dafqi baay’atuu fi baakteeriyaan akka iddoo sanitti (rifeensa bobaa) wal horu godhan hedduudha.

Sababoota Nama Saaxilan (Risk Factors)

  • Ulfaatina qaamaa garmalee guddaa ta’e qabaachuu.
  • Qulqullina ofii haalaan eeggachuu dhiisuu.
  • Tamboo aarsuu.
  • Alkoolii baay’isanii fayyadamuu.
  • Nyaata coomaa fi zaayitiin, qullubbii adiin, qullubbii diimaa fi foon diimaa itti baay’ate fayyadamuu/nyaachuu.
  • Dhibee sukkaaraa qabaachuu.
  • Rifeensa bobaa keenyaa haaddachuu dhiisuu.
  • Garmalee dhiphachuu fi yaadda’uu.
  • Umrii dargaggummaa

Ittisa

Ulfaatinni keenya akka madaalawaa ta’u gochuu, kanas Nyaata kuduraa fi muduraa qabu nyaachuu. Sochii qaamaa gochuu. Hirriba gahaa rafuu. Qulqullina qaama keenyaa, keessattuu, bobaa jala bishaan hoo’aan ykn saamunaa tokko tokko kan dukkaana qorichaatti argaman bitachuudhaan yoo kan isiniif mijatu ta’e guyyaa guyyaan ykn immoo yeroo hundaa erga sochii qaamaa goonee xumurree booda dhiqachuu.

Yeroo yeroon rifeensa bobaa keenyaa haaddachuu. Gosoota nyaataa armaan olitti jenne xiqqeessuu. Tamboo aarsuu dhiisuu. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn xiqqeessuu. Yeroo hundaa erga bobaa keenya qulqulleeffannee booda goggogsuu. Uffata babal’aa fi qilleensa gara keessaa saIphumatti galchuu danda’u uffachuu.

Hanga danda’ameen wanta garmalee nu dhiphisuu fi yaaddessuuf furmaata barbaaduu. Erga bobaa keenya dhiqannee qulqulleessinee booda ‘deodorant’ ykn immoo urgooftuu (shittoo) bobaa jalatti fayyadamuu.

Yaala

Wantoota ittisaaf nu gargaaran kanniin hundaa goonee jijjiiramni hin jiru yoo ta’e mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun baay’ee barbaachisaadha.

FOOLII BADAA MIILAA (BROMODOSIS)

Akkuma kana dura jenne hoo’a ykn tempireechara qaama keenyaa too’achuuf, guutuu gogaa keenyaa irratti xannachoonni dafqaa (Sweatglands) ni jiru. Xannachoonni kunneen iddoo hundaa caalaa baay’inaan miila keenya irratti argamu, kanaaf, miilli keenya guyyaa guutuu dafqa hedduu maddisiisa.

Dafqi kunis, faayidaa osoo nuuf kennuu, darbee darbee akka malee baay’achuu, akkasumas, foolii badaa miilli keenya akka qabaatuuf (baakteeriyaa fi faangasiin garagaraa iddoo sanitti akka wal horan haala mijeessuun) sababata’a kunis, yeroo baay’ee rakkoo fayyaa hamaa ta’e qabaachuu baatus, ofitti amanamummaa keenya gadi buusuu fi hariiroonama biraa waliin qabnu hir’isuu danda’a.

Akkamitti of Gargaaruu Dandeenya?

Miila keenya guyyaa guyyaan dhiqachuu, yommuu dhiqannus jidduu quboota miilaas dabalatee sirriitti dhiqachuu. Erga dhiqanne booda uffataan haxaa’uun goggogsuu fi qeensa miilaa keenyas yeroo yeroon murachuu ykn qorachuu. Yeroo hundaa kophee yoo keewwannu, kaalsiin, kopheen keewwannu fi miilli keenya gogaa ta’uu qaba.

Hanga danda’ameen kophee fi kaalsii lamaa fi sanii ol qabaachuun guyyaa guyyaan jijijjiirrachaa fayyadamuu (iddoo baay’ee hoo’utti dafnee dafnee ta’uu qaba), akkasumas, yeroo yeroon qulqulleessuu. Mana keessa yoo jirruu fi yeroo boqonnaa kophee shebexee godhachuu ykn miila duwwaa deemuu.

Kophee dhiphaa ta’e fayyadamuu dhiisuu. Gabarii kophee keenyaa yeroo yeroon qulqulleessuu. Shaayii sukkaara malee erga danfifnee booda yommuu inni xiqqoo qorru ykn bulbula ashaboo meeshaatti buufnee galgala galgala daqiiqaa 30f, torbee tokkoof miila keenya keessa kaa’uu ykn ittiin dhiqachuu.

Dukkaana qorichaatii saamunaa garagaraa bituun jijjiiraa fayyadamuun isaan keessaa kan nuuf ta’u filachuu. Dukkaana qorichaa deemuun daakuu (Powder) beezawaa ta’e ‘baking soda’ jedhamu ykn asiidii ‘Vinegar’ jedhamu bishaan waliin walitti bulbuluun miila keenya keessa kaa’achuu ykn ittiin dhiqachuu. Qorichoota dafqi akka hin uumamne ittisan kan ‘anti-perspirant’ jedhaman fayyadamuu.

Kana hundaa goonee homaa jijjiramni yoo dhufuu dide mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun baay’ee barbaachisaadha.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *