Baga Nagaan Gara Marsariitii Keenya dhuftan jechaa Maxxansa keenya kan guyyaa har’aa keessatti odeeffannoo mata duree Waa’ee File Compression Fi Sooftiweerii WinRAR jedhamu beektu? jedhuu kana bal’inaan qabatee isiniif dhufeera, kanaafuu hamma xumuraatti obsaan dubbisuun irraa baradhaa.
File Compression fi WinRAR maalidha? Akkamiin immoo Hojjata?
WinRARiin sooftiweerii daataa guddaa walitti cuunfuudhaan (compress gochuun) mala ittiin xiqqeessanii kaa’uuf gargaaru keessaa isa tokkodha. Kunis tajaajilawwan gurguddoo hedduu nuuf kenna.
Isaan keessaa kanneen armaan gadii waliin haa ilaallu.
Fakkeenyaaf: Email dhaan data faayila guddaa ta’ee nuuf ergamuu dide, hamma yookiin guddina isaa xiqqeessuun akka erginuuf nu dandeessisa. Dabalatanis bakka (storage space) keenya nuuf qusachuuf baay’ee filatamaadha.
WinRAR Akkamiin Hojjeta Kan jedhu haa ilaallu.
Faayila yookiin Daataa tokko compress gochuuf maloota algorithm beekamoo baay’eetu jiru. Fakkeenyaaf; dookimentii suuraa kudhan shan (15) qabu cuunfuu yoo barbaadne, achi keessaa kan walfakkaatan yookiin caasaa tokko keessatti kan argaman walitti qabee, faayila tokko qofaan bakka buusee nuuf kaa’a.
Erga faayila tokkoon bakka buusee kaa’ee booddee immoo warreen hafan cinaatti, mallattoo baay’isuu fakkaatuun barreessee nuuf kaa’a jechuudha. Haaluma kanaan fakkeenyaaf suuraa kudha shan (15) wal fakkaataa ta’e tokko, iddoo tokko kaa’ee yeroo “extract” nuuf ta’u immoo iddoo isa jalqabaa kudhan shanii (15) tti nuuf deebisa.
( Extract jechuun immoo faayilli tokko erga compress ta’ee booddee, yoo gargar deebi’ee hiikamu yookiin adda bahu jechuudha).
Fakkeenya kan biroo maaltu jira?
Fakkeenyaa kan biraa tokko haa ilaallu, dookimentii ‘BBLLLTTTTTTT‘ tu jiru yoo jenne, kun iddoo kudha lama (12) qabata. Haa ta’u malee qabiyyeewwan wal fakkaataa waan of keessaa qabniif, walitti cuunfee “B2L3T7” akkas godhee iddoo sadii (3) qofaa kenneefii kaa’a. Yeroo extract godhee ka’u immoo iddoo isaa isa duraatti nuuf deebisa.
Fakkeenyi isaa kan biraan, Suuraa fi viidiyoo immoo background foreground wal fakkaataa kan qaban bakka tokkotti cuunfee kaa’uun iddoo nuuf salphisa. Kana jechuunis Fakkeenyaaf, suurri keenyaa dugdi duubii isaa kan wal fakkaatu digdamni (20) yoo jiraate, digdamaan sana dugda-duuba isaanii iddoo tokkotti cuunfee yookiin compress godhee kaa’a.
Kan viidiyoo illee akkasumadha jechuudha. Kanaafuu Haala kanaan faayila gurguddaa compress godhee bakka xiqqoo irra qubachiisuun iddoo keenya nuuf qusatee save nuu taasisaa jechuudha. Sooftweerii WinRAR kana hakeeroonni yookiin hattoonnis yeroo baay’ee itti ni gargaaramu.
Fakkeenyaaf: setup files kan waa haakii gochuuf gargaaran yommuu namatti ergan, softiweerii WinRAR fayyadamuun faayila sana xiqqeessuudhaan gara suuraatti jijjiiruun namatti ergu. Kunis kan ta’uu danda’u Sooftiweerii vaayrasii of keessaa qabu kan ittiin haakii godhan sana fuudhanii suuraa hawwataa fi miidhagaa yookiin suuraa namni tuquun seenuu danda’a jedhanii yaadan tokkotti jijjiiranii liinkii waliin wal qabsiisuudhaan namatti ergu.
Namni suuraan sun isa hawwatee yookiin itti tolee yoo tuqe kiyyoo (trap) namoota hattootaa sanaa keessa osoo hin beekinii fi itti hin yaadin seena jechuudha.
Of eeggannoowwan godhamuu qaban maal fa’idha?
Gama kanaan dhamsi ani isiniif dhaamu yoo jiraate, miidiyaa hawaasaa garaa garaa irraa suuraalees ta’ee, viidiyoowwan akkasumas liinkiiwwan adda addaa yookiin wantoota biroo tuquuf kan nama kakaasan yoo isiniif dhufan ariifattanii osoo adda hin baasin gonkumaa hin tuqinaa isiniin jechuun barbaada.
Kanaafuu waa’ee softiweerii WinRAR fi file Compression akkasitti waliin ilaalleerra,
Gaaffii yookiin yaada yoo qabaattan comment irratti naaf barreessaa Galatoomaa.
