TIRUU FI DHIBEE TIRUU

Haraa immoo waa’ee Tiruu fi dhibee Tiruu ilaalaa.Tiruun qaamolee keenya keessaa baay’ee murteessoo fi dalagaa hedduu kan qabduudha. Tiruun garaa keenya gara olii gara fuulduraa fi harki caalaan gara mirgaatti siqxee argamti.

Dalagaa Tiruu

Tiruun keenya dalagaa hedduu qabdi. Isaan keessaa muraasni:- Wantoota garagaraa kana kka keemikaalota qaama keenyaaf barbaachisan hedduu oomishuuf. Xuraawaa garagaraa kan qaamatti summii ta’an diiguun akka qaama keessaa bahan gochuudhaaf.

Wantoota garagaraa qaamaaf barbaachisan kuusuuf Dhangala’aa hadhooftuu oomishuuf ni fayyaddi

DHIBEE TIRUU

Dhibeen tiruu hawaasa keenya baay’ee biratti ‘dhibee simbiraa’ kan simbira halkaniin namatti dhufu jedhamuun karaa dogongora ta’een beekama. Dhugaan jiru, dhibeen tiruu fi simbirri halkanii hidhata homaatuu akka hin qabneedha. Dhibee tiruu kan jedhamu yoo tiruun keenya miidhamtee dalagaa ishee sirnaan dalaguu dadhabdeedha.

Tiruun keenya akka miidhamtu wantoonni godhan hedduudha. Akka biyya keenyatti vaayirasiin tiruu (hepatitis virusHBV,HCV fa’a) tiruu keenya miidhuun sadarkaa 1ffaa yoo qabatu, biyyoota guddatan keessatti immoo alkoolii baay’isanii dhuguutu dursa qabata.

Qorichoonni tokko tokkokan dhukkuboota birootiif ajaja ogeessaan ykn ajaja ogeessaan ala fudhatamanis miidhaa tiruu keenya irraan ni geessisu. Akkasumas, namoota baay’ee muraasa ta’an irratti qaamni ittisa dhibbee ofuma isaatii deebisee tiru miidhuu danda’a (autoimmune hepatitis) fi kkf.

Sababoota Dhibee Tiruuf Nama Saaxilan (Risk Factors)

Alkoolii baay’isanii dhuguu. Qoricha ajaja ogeessaan ala fudhachuu fi haala ajajameen fudhachuu dhiisuu (kan ajajame ol fudhachuu), Fknf, qoricha paaraastaamolii (paracetamol) hanga ajajamee ol fudhachuu. Walquunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu (kondomii malee raawwachuu). Ulfaatina garmalee guddaa ta’e.

Dhangala’aa ykn dhiiga namoota biroo tuttuquu. Kunis, dhibeewwan tiruu keenya miidhan kan akka vaayirasiitiruu nu qabsiisuu danda’a. Meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuu.Tamboo aarsuu fi aaadawwan biroos tiruu keenya miidhuu danda’u.

Qorichoota aadaa garagaraa fudhachuu Summii garagaraa Haadha irraa gara daa’imaatti. Kunis, yeroo ulfaa, da’umsaa fi da’umsa booda ta’uu danda’a.

Mallattoolee Miidhaamu Tiruu Agarsiisan

Tiruun namaa guddaa waan ta’eef miidhama xiqqoodhaan mallattoo homaatuu agarsiisuu dhiisuu danda’a. Akkuma miidhamni dabalaa deemuun garuu mallattoo agarsiisuu eegala.

Mallattooleen kunniinis:- Dhukkubbii garaa gara olii figara harka mirgaa Nyaata nama jibbisiisuu Ol nama guursisuu (nausea) finama haqqisisuu (vomiting) Gogaa fi ijji keenya gara halluu keellootti jijjiiramuu (jaundice) Qaamni namaa akka salphaatti dhiiguu, nama funuunuu

Nama dadhabsiisuu (easy fatigability) fi gad nama guuruu (weakness), ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu Darbees hafuurri wal hanqachuu (shortness of breath) Garaan nama dhiita’uu ykn bokokuu, miilla fi iddoon biraas dhiita’uu.

Qaamni nama hooksisuu (skin itchy)Halluun bobbaa jijjiiramuu (pale stool color), Akkasumas, halluun fincaanii gara gurraachatti jijjiiramuu (dark urinecolor) Bitaa namatti galuu (confussion/ hepatic encephalopathy)

Ittisa

Vaayirasii Tiruutiin (HBV, HCV…) akka hin qabamne of eeguu.
Kunis:- Talaallii vaayirasii kanaaf kennamu fudhachuu. Walquunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu dhiisuu. Waan qara qabu waliin fayyadamuu dhiisuu. Dhiigaa fi Dhangala’aa qaama nama biraa of eeggannoo malee (harka duwwaa, golgituu /gilaavii malee) xuxxuquu dhiisuu fi kkf.

Alkoolii baay’isuu dhiisuu. Qoricha kamuu ajajaa fi akkaataa ajaja ogeessa fayyaatiin qofa fudhachuu. Summii fi nyaata summaa’e irraa of eeguu. Furdina gar malee guddaa ta’e hir’isuu. Qulqullina nyaataa fǐ dhugaatii keenyaa eeguu. Tamboo ykn sigaaraa aarsuu dhaabuu. Qorichoota aadaa kamuu fudhachuu dhiisuu.

Yaala

Yaalli dhibee tiruu sadarkaa isheen miidhamte irratti hundaa’a. Kunisosoo miidhaa guddaan irra hin gahin yoo ta’e. Wantoota tiruu keenya miidhan irraa yoo fagaannee fi ofeeggannoo tiruu keenyaaf yoo goone tiruun keenya fayyuu danda’a. Keessattuu, dhibee tiruu sababa alkoolii baay’isuun dhufe yoo ta’e; dafnee osoo sadarkaa hamaa irra hin gahin yoo alkoolii dhiisna ta’e fayyuu danda’a.

Yoo tiruun keenya garmalee kan miidhamte (liver cirrhosis) ta’e garuu fayyuun baay’ee rakkisaa ta’a. Kanaaf, dhibeen tiruu kun akka nu hin qabne sirriitti of eeggannoo cimsuu fi yoo nu qabees jira ta’e sababa dhukkubicha nutti fideef yeroon ogeessa fayyaa mariisiisuun wanta isaan nuun jedhan seeraan hojii irra oolchuufi qorichoota isaan nuuf ajajan seeraan fudhachuu qabna.

Hundacaalaa, wantoota tiruu keenya miidhaan irraa fagaachuu qabna.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

One thought on “TIRUU FI DHIBEE TIRUU

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *