Baga nagaan gara marsariitii keenya dhuftan jechaa har’a odeeffannoo teeknooloojii waliin wal qabatan keessaa waa’ee Telegram keessan irratti wantoota kana beektuu? kan jedhuu isiniit himuun dhufe. Kanaafuu maxxansa kana obsaan dubbisaa jechuun barbaada.
Yeroo Telegram irratti button “Send” jedhu gadi qabdee teessu (long press) gootu filannoowwan dabalataa akkaataa ergaa yookiin message itti ergaman kanneen biroo ni argatta. Filannooleen kun yeroo (time), filannoo beeksisa, fi haala ergaa (message) kee irratti gargaara dabalataa akka siif kennuuf hojjetamaniiru.
Teeknooloojii inni jalqabaa
Yeroo nama tokkoof message yookiin ergaa wayii barressinee xumurree erguufiif jennu iddoo tuqnee send goonu sana button isaarra yeroo dheeraaf gadi qabnee taa’uu (long press) gochuun isaan keessaa filannoowwan adda addaa nuuf dhufu,
Filannooleen nuuf dhufan kun maalidha? akkasumas immoo akkamiin itti fayyadamna?
Tokkoffaa irratti: Jalqaba irratti filannoo jiran keessaa “schedule message” kan jedhutu nuuf dhufa. Kunis ergaa yookiin message nuti nama tokkoof erginu sagantaa yookiin schedule qabneefi yeroo wayii irratti akka inni ergamuufiif mala ittiin godhannudha. Guyyaa, sa’aatii fi daqiiqaa filachuudhaan guunna yookaan set goona jechuudha.
Message yookaan erga sana yeroo ammaa kanatti jechuunis wayita barreessinu sanatti haa erginuyyuu malee nama nuti erginuufiif bira kan inni gahu sa’aatii nuti keenyeefiif sanattidha jechuudha. kanaafuu schedule kun kana gochuuf nu gargaaraa jechuudha.
Lammaffaa irratti: Inni lammaffaa immoo “send without sound” kan jedhutu nuuf dhufa. Inni Kun immoo nama nuti erginuuf sun tariiti nama walgahii (meeting) irra jiru yookaan nama maatii waliin jiru ta’u danda’a. Kanaafuu ergaan keenya yeroo nama erginuufii bira gahu sagalee (sound) akka inni hin godhanne mala ittin goonu jechuudha.
Sadaffaa irratti: Inni sadaffaan “send when comes online” kan jedhuutu nuuf dhufa. Inni kun immoo nuti message sana ammaa sa’atii kanatti barreessinee ergina, ergaan sun kan inni nama sanaaf seenu garuu yeroo namni ergameef sun online irra seenuttidha (akka waan yerooma sana ergineefitti) jechuudha.
Arfaffaa irratti: Inni xumuraa fi inni arfaffaan immoo “Translate” kan jedhutu jira. Kun immoo Message nuti nama tokkoof erguuf jennee barreessine gara afaan kan biraatti jijjiirree yookiin filannoo nuuf kennu keessaa afaan biraa nuti filanneetti nuuf jijjiira jechuudha.
Filannoowwan Afaan kanneen biroo argachuuf immoo option “Translate” kan jedhu sana yeroo dheeraaf (long press) gadi qabnee taa’uun argachuu dandeenya jechuudha.
Kanaafuu teeknooloojiiwwan armaan olitti isiniif ibse kana akkasitti itti fayyadamaan jedha. Hamma ammatti obsaan waan dubbistaniif ulfaadhaa jechaa.
Gaaffii yookiin yaada yoo qabaattan comment irratti naaf barreessaa Galatoomaa.

Có ai ở Đà Nẵng không? Hôm nay xõ số đà năng có con nào đẹp không chỉ mình với!