SIRNA NARVII

Namni tokko fayya qabeessa ta’ee jiraachuudhaaf sochiin qaama isaa keessatti taasifamu too’atamuu qaba. Kanas, kan godhu sirna Narvii fi sirna Indookiraayinii jedhaman fayyadamuudhaan. Sirni narvii baay’ee saffisaa kan ta’ee fi dhaamsa narvaawaa (action potential) fayyadamuudhaan kan hojjatuudha. Innis sirnoota qaama keenyaa isaan gurguddaa ta’an keessaa isa tokkoodha.

Dalagaa narvii keessaa inni tokko ergaawwanii fi ajaja qaama keessa oliif gadi daddabarsuu fi too’achuudha. Miirri garagaraa kanneen akka dhukkubbiin namatti dhagahamuu sababuma narvii kanaati. Sirni narvii iddoo gurguddoo lamatti qoodama. Isaanis:-

1. Sirna narvii wiirtuu(Sammuu fi Ispaayinaalkoordii) fi

2. Sirna narvii Moggaa(Peripheral Nervous System) :- Kunis,

Narvoota sammuu fi Ispaayinaalkoordii ala jiran hunda kan haammatuudha. Seeliin narvii niyuroonii yoo jedhaman sirni narvii seelota kanneen biliyoonota hedduutti lakkaa’aman qaba. Niyuroononni dalagaa isaanii irratti hundaa’uun bakka (iddoo) saditti qoodamu; Isaanis :-

  • a) Niyuroonii dhaamsa geessituu (sensory/afferentneuron) :- Kutaalee qaamaa adda addaa irraa dhaamsa gara sirna narvii wiirtuutti dabarsa.
  • b) Niyuroonii dhaamsa deebistuu (motor/efferentneuron) :- Sirna narvii wiirtuu irraa dhaamsa fuudhuun gara xannachoota fi maashaaleetti dabarsa.
  • c) Niyuroonii quunnamsiistuu (association/interneuron):- Isaaniis Sammuu fi Ispaayinaalkoordii keessatti kan argaman yoo ta’u; daddarbiinsa dhaamsa niyuroonii dhaamsa geessituu irraa gara dhaamsa deebistuutti gaggeeffamu qindeessuu.

Sirni narvii haala kanaan qindaa’uudhaan ergaa kutaa qaamaa garagaraa irraa fudhachuun murtee barbaachisu immoo deebisee erguun qaamni keenya haala tasgabbaa’aa ta’een akka hojjetu taasisa.

MATAA DHUKKUBBII (HEADACHE)

Mataa dhukkubbiin rakkoo fayyaanamoonni baay’een himatan keessaa tokko. Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti (WHO) namoota ga’eessa hunda keessaa dhibbantaa 50% kan ta’an waggaatti mataa dhukkubbiin isaan ni mudata.

Kana jechuun, namoota baay’ee jireenya isaanii keessatti ni muudata jechuudha. Nama kamiyyuu, dhiira,dhalaa, sanyummaa fi umriin osooadda hin baasin mudachuu danda’a.

Gosoota

Mataa dhukkubbiin bakka gurguddoo lamatti qoodamu; Isaanis:-

1. Gosa 1ffaa (primary headache) Inni kun dhukkuboota biroo waliin osoo wal hin qabatin ofuma isaatii yoo mataan nama dhukkubu jechuudha.

2. Gosa 2ffaa (secondary headache) Inni kun ammoo, dhibee biraa qaamna keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubuudha. Kana jechuun, rakkoon biraa jiru akka mataan nu dhukkubu godha jechuudha.

Rakkooleen kunniinis:-

  • Alkoolii baay’isanii dhuguu, isa ‘hangovarii’ jedhamu (alcohol induced hangover)
  • Dhiitaa sammuu (brain tumor)
  • Dhiigni sammuu keesssatti itituu ykn dhiiguu Summii Karboon monoksaaydii (CO) jedhamuun faalamuu (Carbon monoxide poisoning)
  • Qorichoota dhukkubbii hir’isan baay’isanii fayyadamuu (over use of pain medication)
  • Dheebuu garmalee ta’e (dehydration)
  • Dhibee manjalloo/morma gogsaa jedhamu (meningitis)
  • Dhiibbaa dhiigaa ol ka’e
  • Infeekshinii garagaraa (Taayifooydii, Busaa, Utaalloo, Saayinasii).

Gosa 1ffaa (Primary headache)

Dhukkubbiin mataa gosti kun of jalaa dhukkubbii mataa gosa gurguddoo sadi of keessaa qaba. Isaanis:-

A. Teenshinii (Tension Headache)

Inni kun dhukkubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha.

Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu kanneen akka paaraasitaamolii (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisuudha. Ka’umsi isaa guutummaan guutuutti beekamuu baatus, muddamuu, dhiphachuu, dheebochuu fi beela’uu fa’a waliin walqabata.

B. Bowwoo Daanaa/ Maayigireenii (Migraine Headache)

Inni kun dhukkubbii mataa hamaa ta’ee namoota muraasa qofa kan muudatu yoo ta’u, dhukkubbiin isaa baay’ee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisuudha. Yeroo baay’ee mataa gara harka tokkoon qoodee kan nama dhukkubu yoo ta’u; darbee darbee kallattii lamaanis ta’uu mala.

Namoonni dhukkubbii mataa gosa kanaa qaban yeroo hedduu irra deddeebi’ee isaan rakkisuu mala. Mataa dhukkubbiin kun dabalataan mallattoolee biroo kanneen akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu fa’as qabaachuu danda’a.

Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuu isaan dura mallattoolee akka ija ofitti balaqqeessa’uu, fi haasa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Maatii keessatti namni rakkoo wal fakkaataa qabus jiraachuu danda’a. Dhukkubbiin isaa guyyaa tokkoo hanga guyyaa sadii (sa’aatii 4-72) nama irra turuu danda’a.

C. Kilaasteri (Cluster Headache)

Dhukkubbii baay’ee cimaa ta’e gosoota olitti ibsaman lachuu caaluudha. Yeroo baay’ee naannoo ija tokkoo kan dhukkubsuu fi ji’oota waggaa keessatti yeroo murtaa’aa ta’e kan nama dhukkubuudha.

Yaala

Yaalli mataa dhukkubbiif kennamu waan baay’ee irratti hundaa’a. Isaanis:-

  • Gosa dhukkubbii mataa
  • Yeroo meeqaaf akka nama dhukkubee fi hangamiif akkanamarra ture
  • Sababa mataa dhukkubbii fide(ka’umsa) fi kkf.

Yaalli dhukkubbii mataa gosoota olitti eerre irra caalli isaa boqonnaa gahaa fudhachuu fi qorichoota dhukkubbii hir’isan fudhachuudha. Gosoota dhukkubbii isaan gosa 2ffaa ta’an immoo wantoota dhukkubbii mataa saniif sababa ta’an yaaluudha.

Akkamitti of Gargaaruu Dandeenya?

  • Wanta nu dhiphisan hir’isuu.
  • Nyaata ciree yeroon nyaachuu.
  • Sochii qaamaa gochuu.
  • Boqonnaa gahaa fudhachuu.
  • Iddoo nu gammachiisan deemnee daawwachuu.
  • Dhangala’aa (keessattuu bishaan) gahaa dhuguu.
  • Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn xiqqeessuu.
  • Hirriba gahaa rafuu (guyyaatti sa’aa 6-8 rafuu).
  • Nyaata kuduraa fi fuduraa ta’an fayyadamuu.
  • Wantoota nu gammachiisan nama nutti tolan waliin gochuu. Fknf, fiilmii ilaaluu, kitaaba garagaraa dubbisuu, waliin taphachuu. Yeroo nu dhukkubaa jirutti garuu wantoota kana gochuun nutti cimsuu danda’a. Fakkeenyaaf, namoonni mataa dhukkubbii gosa Maayigireeyinii qaban wantoonni ijaan ilaalan akkasuma sagaleen garagaraa isaan jeequu danda’a.
  • Wanti nu dhiphisu yoo jiraate nama baay’ee amannutti himnee mariisisuu.

Yaala cinaatti wantoota dhukkuba kana nutti kaasanii fi nutti hammeessan beekuu fi adda baafachuun murteessaadha. Yoo kan beeknu ta’e wantoota kana irraa fagaachuu fi irraa of qusachuu qabna.

Qorichoota ogeessa fayyaatiinis ta’ee kanneen ajaja ogeessa fayyaan ala kennaman yoo fudhannu; Hanga fudhatamuu qabanii ol fudhachuu hin qabnu. Qorichoonni kunniin yoo hanga fudhatamuu qabanii ol (overdose) fudhanne, dhukkubbii kana ittuu nutti hammeessuu fi rakkoolee fayyaa qaamolee biraa irraan geessisuu danda’u.

Kanaaf, qoricha nuuf kenname yoonutti fursiisuu baate baay’isnee fudhachuu osoo hin taane; ogeessa fayyaa bira deemnee mariisisuu qabna.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *