ONNEE FI DHUKKUBA ONNEE

Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan.haraa waa’ee onnee fi dhukkuba onnee wajjiin ilaalaa. Onneen keenya qaama jiraachudhaaf dirqama barbaachisan keessaa ishee tokko. Onneen dhiigni qaamaaf akka raabsamu gochuun oksijiinii fi soorata (nutrient) tishuuleef dhiheessuun; kaarbondaayoksaayidii (CO2) fi xuraawaa biroo immoo qaama keessaa akka gadi dhiisanii bahan taasisti. Onneen kan argamtu laphee gara gadii xiqqoo gara bitaatti siqxeeti. Hammi ishii hanga aboottee harka ofii ni geessi.

Biyyoota guddatan keessatti wantoota sababa du’a namootaa ta’an keessaa dhibeen onnee fi onnee wajiin walqabatu sadarkaa 1ffaa irratti argama, biyya keenyattis rakkoon kun hammaachaa dhufeera. Dhibeewwanii fi rakkooleen onnee wajjin walqabatan baay’eedha

Sababoota Dhukkuba Onneef Nama Saaxilan (RiskFactors)

  • Maatii ykn fira dhiigaa dhihoo keessa namni dhukkuba onnee qabu jiraachuu (family history).
  • Umrii (akkuma umriin namaa dabaluun carraan isaa dabalaa deema).
  • Dhukkubbii qoonqoo irra deddeebi’ee nama dhukkubu(recurrent throat infection) fi osoo hin yaalamne hafe.
  • Ilkaan keenya sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu (sedentary lifestyle).
  • Tamboo aarsuu ykn nama tamboo aarsu yeroo aarsan waliitti dhiheenya qabaachuu (passive smokers).
  • Alkoolii baay’isanii dhuguu.
  • Dhiphina garmalee fi hirriba gahaa rafuu dhiisuu.
  • Nyaata coomaa fi kolestiroolii (cholesterol) hedduu ofkeessaa qabu yeroo dheeraadhaaf nyaachuu.
  • Nyaata ashaboon itti baay’ate nyaachuu.
  • Dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, kalee, hir’ina dhiigaa fi kanneen birooqabaachuu.

Mallattoolee

Onneen keenya kutaa bitaa fi mirgaa qabdi. Dhiigni kutaaqaamaa garagaraa irraa deebi’ee dursa onnee gara mirgaa gahuudhaan onneen ammoo gara sombaatti dabarsiti. Dhiigni somba bira gahee oksijiiniidhaan badhaadhe gara onnee kutaagara bitaatti deebi’uun onneen deebistee gara qaamaatti raabsiti.

Haa ta’u malee, onneen yoo midhamte seeraan rukutuu waan hin dandeenyeef dhiigni duubatti deebi’uudhaan rakkoo uuma. Miidhamni onnee kunis sadarkaa salphaadhaa hanga hamaata’uu danda’a. Yeroo kana mallattoolee garagaraa of irratti arguu dandeenya.

Isaan keessaa muraasni:-
Hafuurri wal hanqachuu (shortness of breath) fidadhabbiin namatti dhagahamuu; Kunis, miidhama onnee irratti hundaa’uun yeroo hojii hojjatan kan dhufu irraakaase hanga teenyee nutti dhagahamuu ta’uu danda’a.

Yeroo ciisan hafuurri wal nama hanqachuu fi yoo ka’anii taa’an hanga tokko nama dhiisuu. Sababa kanaaf, yoorafan boraatii malee ciisuu dadhabuu (orthopnea),akkasumas, halkan keessa osoo rafaa jiran hafuurri walnama hanqachuun hirribaa nama kaasuu fi qilleensa argachuuf foddaa banuu ykn gara alaa bahuu (PND/Paroxymal nocturnal dysnea).

Dhiita’uu qaamaa (body swelling),dhiitaan kun yeroo baay’ee miila lamaan irraa eegaluun yeroon booda qaama keenya biraa waliin gahuu danda’a.
Dhahannaan onnee dabaluu (tachycardia) fi dhahannaanonnee ofii sirriitti namatti dhagahamuu (palpitations).

Nama qufaasisuu, fedhiin nyaataa hir’achuu fi ol guursisuu(nausea). Dhukkubbii laphee ykn qomaa gara bitaa irraa eegaleemorma gara bitaairree harka bitaa gara keessaatiini fidugda duubas nama dhukkubuu. Mallattooleen kunneen kan yeroo onneen midhamte qofa nama irratti mul’atan waan hin taaneef mana yaalaa deemanii ogeessa fayyaan ilaalamuun barbaachisaadha.

Fayyummaa Onnee Keenyaa Akkamitti Eeggachuu Dandeenya?

Fayyummaa onnee keenyaa eeggachuuf sababoota nu saaxilansirriitti beekuun irraa of eeguudha. Sababoota dhibee onneef nama saaxilan keessaa kan akkaseenaa maatii (family history),saala (sex) fi umrii (age) jijjiiruunykn fooyyessuun kan hindanda’amne ta’us (non modifiablerisk factors), kan jijjiiruudandeenyu (modifiableriskfactors) baay’eedha.

Isaanis:-
Qoonqoon nama yoo dhukkubde yeroon yaalamuu. Keessattuu ijoolleen umrii waggaa 5-15 keessa jiran yeroon yaala argachuu qabu.

Hub: Yaala dhukkubbii qoonqoof, qoonqoo muruun rakkoo biroo baay’ee hamaa ta’eef nu saaxiluu danda’a. Murtee qoonqoo muruuf ka’uun wanta hunda caalaa baay’ee hamaadha. Kanaaf, mana yaalaa deemuun qoricha kennamu seeraan fudhachuun yoo irra deddeebi’ee kan dhufu ta’e immoo qorichijijjiiramee kennamu waan jiruuf mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

Tamboo aarsuu dhiisuu fi nama xuuxu irraayis fagaachuu. Sochii qaamaa (guyyaatti daqiiqaa 30-60) torbanitti guyyoota shaniif (5) gochuu. Nyaata fayyaa ilma namaaf barbaachisoo fi murteessoo ta’an kanneen akka fuduraa fi muduraa nyaachuu. Nyaata yoo baay’atan fayyaa namaa irratti dhiibbaa geessisan (Fknf, nyaata koolestrooliin itti baay’ate) xiqqeessuu.

Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e qabaachuu fi ulfaatin agarmalee guddaa ta’e hir’isuu. Hirriba gahaa rafuu. Dhiphina hamaa ta’e hir’isuu. Hanga ashaboo (soogidda) guyyaatti fayyadaman too’achuu /hir’isuu (guyyaatti giraama 2-3/fal’aana shaayii tokko). Alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusachuu.

  • Namoonni dhibee biroo kan akka:-
  • Dhiibbaa dhiigaa
  • Dhibee sukkaaraa
  • Hir’ina dhiigaa qaban hordoffii fi yaala akkaogeessi fayyaa ajajeen fudhachuu fi yeroo ni laallamuudha

Yaala

Yaalliin dhukkuba Onnee mana yaalaa deemuun ogeessi fayyaa sadarkaa fi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’uun qorichoota garagaraa kennuu irraa kaasee hanga yaala baqaqsanii yaalutt igahuu danda’a.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *