Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan Olka’uu Dhiibbaa dhiigaa jechuun humna ittiin dhiigni onnee irraa ka’ee gara qaamota keenya garagaraatti raabsamuuf hidda dhiiga raabsituu (artery) keessatti isa barbaachisuudha. Dhiibbaan dhiigaa kunis meeshaa ‘sphygmomanometer’ (BPKaaf) jedhamu yeroo baay’ee harka keenya, darbee darbees miila keenya irra gochuun safarama.
Innis lakkoofsaan bifa waamamaa fi waamsisaatin ibsama, gara gubbaa ykn waamamaan kan bakka bu’u gaafa onneen dhahattu humna onneen hidda dhiiga raabsituu keessa dhiiga raabsuuf fayyadamtu kan agarsiisu yoo ta’u, inni jalaa immoo humna ujummoolee dhiiga keessa gaafa maashaaleen onnee diriiranii onneen dhiigaan guutamtu uumamuudha.
Dhiibbaan dhiigaa kunis fayya qabeessa kan jennu umriidhaan garaagarummaa qaba. Namoota umriin isaanii 18 ol ta’aniif inni fayyaa qabeessi kan gubbaa 90 hanga 120 yoo ta’u kan jalaa immoo 60 hanga 79ti. Safartuun kun gaafa lakkoofsota kanaa olta’u, olka’uu dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) jenna.
Olka’uu dhiibbaa dhiigaa kanas miidhaa inni geessisuu danda’uu fi yaalaaf akka toluuf jedhamee haala qajeelfama haarawa yeroo ammaatti Dhaabbanni Onnee Ameerikaa(AHA) iddoo gurguddoo 4tti qooda. Isaanis:-
- Yeroo akeekkachiiftuu, Kunis, gaafa kan gubbaa 121 -129 fi kan jalaa 80-89 ta’e.
- Dhiibbaa dhiigaa olka’e sadarkaa 1ffaa, gaafa kan gubbaa 130-139 fi kan jalaa 80-89 ta’e.
- Sadarkaa 2ffaa, gaafa inni gubbaa 140 ol fi inni jalaa 90 ol ta’eedha.
- Isa muddamsiisaa, inni kun gaafa inni gubbaa 180 ol, Akkasumas, inni jalaa 120 ol ta’eedha.
Sababoota Nama Saaxilan
Umriin dabaluu, keessattuu, dhiiraaf waggaa 55 boodaa fi dubartootaaf waggaa 65 booda Sochii qaamaa gochuu dhiisuu. Alkoolii baay’isanii dhuguu fi sigaaraa aarsuu. Ulfaatina qaamaa garmalee ta’e qabaachuu. Qorichoota araada nama qabsiisan, kanneen akka kookeenii, amfitaaminii fi kkf fayyadamuu.
Seenaa maatii qabaachuu (abbaa,haati ykn obboleeyyan rakkoo kana qabaachuu). Dhukkuba sukkaaraa Dhukkuba kalee, onnee, ujummoolee dhiigaa fa’a qabaachuu. Ulfa
Mallattoolee
Dhiibbaan dhiigaa ol ka’e yeroo hedduu mallattoo homaa agarsiisuu dhiisuu danda’a. Garuu, akkuma baay’ee olka’aa deemuun, mallattoolee tokko tokko fi mallattoolee miidhamuu qaamota keenya iddoo garagaraa jiranii agarsiisan mul’achuu danda’u.
mallattooleen kunniinis :- Dhukkubbii mataa, yeroo baay’ee mataa gara duubaatti namatti dhagahamuu fi gara mormaa deemu. Funuuna, Nama dadhabsiisuu, Bitaa namatti galuu, Rakkoo agartuu, Dhukkubbii, laphee, Hafuura addaan kukkutuu, Qaama nama laamshessuu, Hirriba nama dhoowwuu,
Ittisa
Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn baay’ee xiqqeessuu. Sochii qaamaa kanneen akka kubbaa miilaa, fiigicha, bishaan daakuu, deemsa ariifannaa qabu fa’a gochuu. Kanas, guyyaatti daqiiqaa 30f hojjechuu (torbanitti guyyaa shan(5)).
Nyaata madaalamaa ta’ee fi qabiyyee albuudota akka Pootaasiyeemi, maagniziyeemi fi kaalsiyeemiin badhaadhe kanneen akka muuzii, avokaadoo, maangoo, mixaaxishaa, Shaanaa, hundee diimaa, kaarotii fi aannan fa’a fayyadamuu.
Nyaata akka foon diimaa, killee, coomaa fi dhadhaa fa’a immoo xiqqeessuu. Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e qabaachuu. Nyaata ashaboon itti hin baay’anne fayyadamuu, yeroo baay’ee ashaboon mi’ooftuu garagaraa keessatti
fayyadamnu baay’ee ta’uu danda’a. Keessattuu, kan gabaadhaa bitamu, hammi qabiyyee ashaboo isaa waan hin beekamneef, osoo mi’eessitoota akka barbaree manumatti qopheeffatanii baay’ee gaariidha.
Guyyaatti ashaboo fal’aana shaayii tokkoo gadi ta’e fayyadamuun gahaadha. Dhiphinaa fi yaaddoo hamaa ta’e hir’isuu. Yeroo yeroodhaan dhiibbaa dhiigaa keenya ilaalamuu, hordoffii yaalaa yoo qabaanne haalaan hordofuu.
Yaala
Yaalli dhibee kanaa sadarkaa inni itti olka’ee fi miidhaa inni qaamota keenya irraan gahe irratti hundaa’a. Isa kana immoo ogeessi fayyaa keessan isin ilaalee fi qorannoo garagaraa isiniif gochuudhaan, haala bu’aa qorannoo keessanii irratti hundaa’uun yaala isiniif kenna. ODR
Yaalli kunis haala jireenyaa keessan akka fooyyeffattan isin gorsuu irraa kaasee hanga qoricha garagaraaisiniif kennuutti gaha.
Xaxaalee
Dhukkubni kun yeroon beekkamnaanii fi haala ogeessi fayyaaisin gorseen gorsa ogeessaa seeraan hojii irra oolchinaan salphumatti to’atamuu danda’a. Garuu, dafee beekkamuu fi seeraan to’achuu baannaan xaxaalee hedduu fiduu danda’a.
Isaanis:- Dhibee onnee tasaa Dhukkuba istirookii Dadhabuu onnee Dadhabuu kalee Ija nama balleessuu Dhukkuboota ujummoolee dhiigaa Dhukkuboota narvii Haadha ulfaa, ulfa irraa baasuu, daa’ima ulfaatinni ishii baayyee xiqqoo ta’ee fi yeroon da’umsaa osoo hin gahin dahuu, darbees haadha ulfaa lubbuu dabarsuu danda’a Rakkoo walqunnamtii saalaa fa’a.
Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!
