MIIDHAA MATAA IRRA GAHU

Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan. Har’aa immoo waa’ee miidhaa mataa irra gahu wajjiin ilalaa. Mataan kutaa qaama namaa iddoo qaamoleen baay’ee barbaachisoo ta’an itti argamaniidha. Qaamoleen kunniinis:-

  • Sammuu
  • Ija
  • Gurra
  • Funyaan
  • Afaan (ilkaan, arraba)
  • Kutaalee sirna hargansuu fi nyaataa gara oliitti argaman fa’a.

Sammuun kutaa baay’ee sammuutiin haguugamee ta’ee fi kan buqqee murteessaa argamuudha. Sammuun namaa kutaalee garagaraa kan qabuu fi kutaaleen kunniinis dalagaa garagaraa kan qabaniidha.

Sammuun gocha fedhii keenyaa fi gocha fedhii keenyaan ala jiran hedduu kan too’atuudha. Akka biyya keenyattis ta’ee akka addunyaatti miidhaan mataa fi sammuu irra gahu miidhaa fayyaa guddaa fi hanga lubbuu galaafachuutti gahuu danda’a. Namni hundumtuu miidhaa kanaaf saaxilamoo ta’anis dargaggeessonni fi dhiironni harka caalaa kan saaxilamaniidha.

Wantoota Miidhaa Mataa Irraan geessisan

Wantoota kanniin bakka gurguddoo lamatti qoodun ni danda’ama. Isaanis:-

  • 1. Kan osoo qaama keessa hin seenin miidhaa geessisan (blunt trauma)
  • 2. Kan qaama keessa seenuun miidhaa geessisan (penetrating trauma)

Akka waliigalaatti, wantoonni armaan gadii kunniin mataa irraan miidhaa geessisuu danda’u. Isaanis:

  • Balaa konkolaataa, dokdoqqee (motorbike).
  • Miidhaa yeroo tapha ispoortii muudatu
  • Kufaatii, kunis, muka, mana, farda, gaara ykn waan ol ka’aa fa’a irraa kufuu.
  • Rukuttaa, kunis, harka, ulee fi dhakaa fa’an
  • Waraansa: kunis, albee, eebboo, qottoo fi meeshaalee qaraqaban biroo fa’aan miidhaa gahu
  • Barrudaa (bullet injury) fi meeshaalee dhuka’an biro

Miidhaan mataa irra gahu miidhaa tishuulee buqqee mataa haguugan, buqqee mataa fi sammuu kan dabalatuudha. Isaanis:-

  • Buruqa mataa (scalp laceration), Dhiigni tishuu keessatti kuufamuu
  • Lafeen sammuu marsee argamu cabuu
  • Dhiigni sammuu keessatti dhiiguufi itituu.
  • Akkasumas, miidhaa kallattiidhaan sammuu irra gahu

Caasaalee kunniin kophaatti ykn walfaana miidhaan irra gahuu danda’a. Hammeenyi (severity) miidhaa gahee xiqqaa, jiddu galeessaa fi guddaa ta’uu danda’a.

Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabu?

Namni miidhaan mataa isaa irra gahe kamuu ogeessa fayyaa mariisisuu qaba. Haa ta’u malee, yeroo wantoonni armaan gadii kunniin nama irrati mul’atan dafanii gara mana yaalaa deemuu qabu:-

  • Yoo of wallaalan, bitaa namatti gale, yoo arguu dadhaban
  • Nama mataan rukutamee fi buruqe
  • Mataa dhukkubbiin garmalee ta’e rukuttaa ykn miidhaa booda yoo jiraate
  • Gaggabdoon (qaama nama hurgufsiisuun) yoo mudate
  • Yoo qaamni gartokkeen ykn guutuun kan hin sosochoone ta’e.
  • Yoo dubbachuu kan hin dandeenye ta’e
  • Yoo nama haqqisiise
  • Yoo dhiigni ykn dhangala’aan akka bishaani funyaan ykn gurra keessaan bahe
  • Yoo madaala qaamaa eeguu ykn deemuu hin dandeenye ta’e.
  • Yoo dhiitaan dhiiga kuufate naannoo ijaa ykn gurraa kan jiru ta’e
  • Yoo miirri kamuu namatti hin dhagahamu ta’e (loss of sensation)

Ittisa Miidhaa Mataa Irra Gahuu

Miidhaa kana hambisuuf haalaafi gochoota miidhaa mataa irragahu qofa osoo hin taane kan qaama keenya hunda irra geessisuu danda’an irraa of qusachuun murteessaadha. lsaanis:- Alkoolii dhuganii konkolaachisuu dhiisuu Yoo doqdoqqee (motorbike) oofan gonfoo mataa (helmet) fayyadamuu

Konkolaataadhaan yeroo imalan qabattoo teessoo waliin jiru godhachuu. Naannoo hojiifi iddoo jiraatan akka balaaf nama hin saaxiletti mijeessuu Walitti bu’iinsa nama waliin jiru karaa nagana furuu lddoo hojii, tapha garagaraa fa’a haala balaaf nama hin saaxilletti of eeggannoo barbaachisaa gochuun murteessaadha.

Yaala

Yaalli miidhaa mataa, sammuu irra gahu sadarkaa (hammeenya isaa /severity) fi gosa miidhaa gahe irratti hundaa’a. Yoo miidhaan gahe xiqqoo ta’e hordoffii muraasaan booda gara manaatti galuun ni danda’ama. Yoo miidhaan gahe guddaa ta’e hanga yaala baqaqsanii yaaluutti gahuu danda’a.

Miidhaa sammuu waliin wal qabatee dhukkubni gaggabdoo namatti dhufuu danda’a, kanaaf akka barbaachisummaa isaatti dawwaan kana hambisuu danda’u kennamuu danda’a. Namoonni tokko tokko erga miidhaan sammuu isaan mudateen booda gidduutti nagaa fakkaatanii turtii keessa itti cimaa deemuu danda’a. Kanaaf, haala isaanii hordofuun barbaachisaadha.

Yeroo ammaa dhaabbata fayyaa hedduu keessatti ogeessonni yaala sammuu baqaqsanii yaaluu (Neurosurgeons) waan jiraniif yaala xiqqaadhaa hanga guddaa argachuun ni danda’ama. Kanaaf, yoo miidhaan gahe gara dhaabbata fayyaa naannoo keessan jiru deemuun barbaachisaadha.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *