Baga nagaan gara marsariitii keenya dhuftan jechaa har’a barnoota tokko waliin ilaalla. CPU yookiin processor jechuun kutaalee qaama kompiitara adda addaa keessaa sammuu kompiitara akka jechuuti. Laaptooppii yommuu bitannu corei3, corei5, corei7, corei9 kan jedhu maal jechuudha?
Wantoonni kun waa’ee laptop maal nutti himu?
CPU yookiin processor kun kutaa ijoo kompitaraa hojii garaa garaa dabaree dabareedhaan raawwachuu kan danda’uudha. Kana jechuun CPU yookaan processor qaama laaptooppii keessaa isa guddaa yommuu ta’u, laaptooppiin keenya hojiiwwan adda addaa saffisa guddaadhaan akka hojjetu kan isa dandeessisudha.
Garaagarummaa Laaptooppii Durii fi kan ammayyaa maali?
Laaptooppiiwwan Durii
Yoo beektu ta’e kompiitaroonni yeroo jalqabaaf oomishaan si’a tokkotti waan tokko qofa hojjechuu danda’u turan. Fakkeenyaaf, yoo software Word bantanii irratti hojjechaa jirtu ta’e, dabalataan yeroo tokkotti software Excel yookaan software kan biroo banuun fayyadamuun hin danda’amu jechuudha.
Asirratti jecha Core jedhu yoo argitan, hiikni isaa Sammuu xiqqaa jechuudha, garuu CPU yookiin processor jechuun sammuu guddaa kompiitara jechuu isaati. Kanaafuu Core jechuun sammuu xiqqaa, sammuu guddaa keessa jiru jechuudha.
Laaptooppiiwwan Ammayyaa
Akkuma beekamu laaptooppiin ammayyaa bara kanaa yeroo tokkotti hojiiwwan hedduu yookiin baay’ee saffisa ol’aanaa ykn saffisa guddaadhaan hojjechuu danda’u. Fakkeenyaaf, Excel bannee osoo irratti hojjennuu, Word fi softwaroota lan biroollee bannee irratti hojjechuu ni dandeenya.
Akkasumas YouTube bannee ilaaluu ni dandeenya, kana malees softwarota suuraa fi video edit godhan kanneen akka Adobe photoshop, Adobe Illustrator, Adobe InDesign, Adobe premiere pro, DaVinci, Capcut, fi softwarota kanneen biroollee ittiin hojjechuu ni dandeenyaa jechuudha. Gabaabumatti, yeroo tokkotti hojii hedduu ittiin hojjechuu dandeenya.
Sababa Kanaafiyyuu, core tokko jechuun keenya sammuu tokko jechuudha, sammuun tokko immoo yeroo tokkotti hojii tokko qofa hojjechuu danda’a erga jennee, laaptooppiin ammayyaa akkamitti si’a tokkotti hojii baay’ee hojjechuu danda’a?
Hiikaa fi Garaagarummmaa Corewwanii.
Core jechuun kutaa adeemsa CPU yookiin processor keessaa hojiiwwan adda addaa kan to’atudha. Corewwan kanneen gadiitu jiru.
Single Core: kun akkuma beekamu yeroo tokkotti hojii tokko qofaa adeemsisuun hojjeta.
Multi Core: kun immoo Hojiiwwan hedduu yeroo tokkotti ni hojjeta, hojii baay’ee hojjechuu fi saffisa hojii keenyaallee ni fooyyessa.
Physical fi Logical Cores: Physical cores jechuun waan dhugaa yookiin qabatamaa yommuu ta’u, logical cores immoo virtual yookiin waan qabatamaa hin taanedha, hojii garaa garaa baay’ee banuun hojjechuuf gargaara garuu akka physical cores humna cimaa hin qaban.
Core baay’ee jechuun hojiiwwan yookiin dalagaawwan walxaxaa ta’aniif raawwii, saffisaa fi hojii baay’ee hojjechuuf kan gargaaru jechuudha. Yeroo ammaa kana laaptooppiiwwan core i3, core i5 core i7, core i9 dhufanii jiru. Isaan kun hiika akkamii qabu isa jedhuuf:
Core i3 jechuun processor sadii (3) yookiin sammuu sadii (3) jechuu qaba jechuudha. Core i5 jechuun immoo processor shan (5) yookaan sammuu shan (5) qaba jechuudha. Core i7 jechuun illee akkuma olitti ilaalletti processor toorba (7) yookaan sammuu toorba (7) qaba jechuudha. Core i9 jechuunis processor sagal (9) yookaan sammuu sagal (9) qaba jechuu isaadha.
Kana jechuunis Akkuma baay’inni core dabalaa deemuu, lakkoofsi hojii laaptooppiin si’a tokkotti hojjechuu danda’u ariitii isaa osoo hin hir’isin dabaluun hojjechaa deema jechuudha.
kana jechuun fakkeenyaaf sammuun barataa kutaa 6ffaa baratuu fi sammuun barataa kutaa 12ffaa baratuu tokkooree? Akkuma beekamu tokko miti kanaafuu core i3 fi cire i9 illee tokko mitii jechuudha. Kanaafuu laaptooppii bituuf yeroo filattan core guddaa isa ta’e osoo bitattanii jedheen isin gorsa.
Egaa akkuma dubbisatan kanatti waa’ee core wajjin ilaalleerra, hiika core warreen hin beekne hiikni isaa kana jechuudha. Waan dubbistaniif ulfaadhaa
gaaffii yoo qabattan Comment irratti naaf barreessaa hiriyyoota keessaniif share gochuudhaan akka dubbisaan taasisa Galatoomaa.
