KULKULFANNAA APPEENDIKSII

Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan harraa immoo waa’ee kulkulfannaa appeendiksii wajjiin ilaalaa. Dalagaan mar’immaanii ykn Appeendiksiin kutaa mar’immaan furdaa gara jalqabaa (proximal large intestine) irratti argama. Qaamni kun keessi isaa ujummoo kan qabu fiixeen isaa gara tokkoon cufaa ta’ee fi gara biraatin mar’immaan furdaatti banamuudha.

Appeendiksiin giddu-galeessaan seentimeetira 6-9 dheerina kan qabu yoo ta’u darbee darbee hamma 30 cm ta’uu ni danda’a. Keessoon qaawwa kutaa mar’immaan kanaa (diyaameetira) miilimeetira 1-3 ni ta’a. Duraan faayidaan isaa haalaan hin beekkamu, garuu, akka qaama ittisaatti (organ of immunity) tajaajila jedhamee yaadama ture. Amma garuu, akka qaama ittisaatti (immunity) akka tajaajilu mirkanaa’ee jira.

Kulkulfannaan Qaama Kanaa (Appendicitis)Maali?

Kulkulfannaan kun baay’inaana kan mul’atu bara jireenya waggoota kurnan jalqabaa keessadha. Akkasumas, dhibbantaa 8.6 dhiira irrattii fi 6.7 dubartoota irratt ni mul’ata, kana jechuun dubara caala dhiirarratti muldhata jechuudha.

Sababoota Nama Saaxilan

Daa’immanii fi ga’eessota irratti garaagarummaa qabaachuu danda’a.

Daa’imman irratti:- Sababa dhiita’uu qaama ittisaa isa keessatti argamuun (lymphoid hyperplasia) yoo ta’u.

Ga’eessota irratti immoo:- Sababa booliin ykn bobbaan (fecalith) goguun ujummoo sana keessa seenuun akka cufamu taasisuudhaan. Godaannisa kanaan dura tureen (fibrosis), Akkasumas, Wantoota akka nyaataa, raammolee, cirrachoota nyaata waliin liqimfamaniin cufamuu danda’a.

Walumaagalatti, wantootni armaan olitti tarreeffaman kunneen ujummoo digaluu mar’immaanii (appendix) kana cufuun geejjibni dhiiga isaa akka hir’atu ykn dhaabbatu gochuun keessoo isaatti jarmoonni (baakteeriyaan garagaraa) akka wal horan godha, kun immoo, kulkula fida.

Mallattoolee

Dhukkubni kun kan tasa dhufuu fi jalqaba irratti muraa walitti fufaa ta’e naannoo handhuuraatti namatti (periumbilical crampy pain) dhagahamee, xiqqoo turuun immoo iddoo duraa dhiisee kutaa garaa gara harka mirgaa handhuuraa gadiitti nama dhukkubuu eegala. dhukkubuu eegala.

Fedhii nyaataa dhabuu. Ol nama guursiisuu fi haqqisiisuu (nausea/vomiting). Dhagna gubuu (hoo’i qaamaa dabaluu) Darbee darbee garaa kaasaa fi gaafa fincaa’an miirri gubaa jiraachuu danda’a.

Xaxaalee (Complication)

Dhukkubni kun yeroodhaan mana yaalaa deemuun hin yaallamne taanaan xaxaalee hedduuf nama saaxiluu danda’a. Isaan keessaa:- Kulkulichi malaa iddoo naannoo ta’umsa isaatti uumuu (appendicial abscess) danda’a. Yeroo kana kulkulli kutaa mar’immaanii naannoo sana jiru irratti akka uumamu godha.

Kulkulichaan digaluun mar’immaanii dhowwuun ykn dhohuun (perforated appendecitis) kulkula guutuu garaa fiduu danda’a (generalized perotonitis). Kulkulli kun dhiitaan naannoo sanatti akka uumamu gochuu danda’a (appendecial mass).

Ujummoon dhiigaa qaama kanaa cufamuun qaamni kun shamuu (gangrenous) danda’a. Infeekshiniin uumamuun qaama kana irraa ka’ee qaamota biroo miidhuu danda’a (sepsis). Xaxaaleen armaan olii kan dhufan, yeroodhaan dafnee mana yaalaa deemuun yaala barbaachisu yoo argachuu baannedha.

Yaala (Treatment)

Dhukkubni kulkulfannaa digaluu mar’immaanii gosa dhukkuba baqaqsanii yaaluu ariifachiisaadha (surgical emergency). Akkasumas, dhibee kana of irraa ittisuun hin danda’amu waan ta’eef, akkuma mallattoowwan armaan olitti eeraman kunniin nama irratti mul’ateen dafanii mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuudha.

Hamma danda’ameen gara hospitaala bakka itti tajaajilli yaala baqaqsanii yaaluu itti kennamu deemudha. Dhukkubni kun yoo nama irra ture akkumasalphaatti lubbuu namaa dararuu fi xaxaalee oliitti jenne sanaafnu saaxiluu danda’a.

Hub: Yaalli baqaqsanii yaaluu dhukkuba kanaaf taasifamu yoodafnee yaalamne karaa mirgaa handhuuraa gadiitiin yoo ta’u, dheerinni baqaqfamus seentimeetira 3-5 qofa ta’a.

Xaxaanuumamee kulkulichi garaa hunda yoo walga’e (General Peritonitis) garuu, laphee irraa eegalee hanga lafee mo’oo (Xiphoid to pubis) ta’a. Kun immoo, guduunfamuu mar’immaanii fi walitti qabachuu (adhesion) mar’immaanii fiduu danda’a.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *