HIV/AIDS

Dhukkubni HIV/AIDS yeroo jalqabaaf bara 1981 ALA kan mul’ate yoo ta’u hanga ammaatti dhukkuba tamsa’aa jiruudha. Dhukkubichi vaayiresii HIV (Human immunedeficiency) jedhamuun kan dhufuudha. Vaayiresiin HIV gosoota gurguddoo lama (HIV-1 & HIV-2) qaba. Isaan jalattis, gosoota xixiqqoo (clades) hedduutu jiru.

Dhukkubni kun rakkoo addunyaa maraa yoo ta’u keessattuu, Itoophiyaas dabalatee biyyoota sahaaraa gadii keessatti bal’inaan mul’ata. Waggoottan darban keessa hojiin bal’aan hubannoo uumuu raawwatamaa turus amma garuu xiyyeffannaan hawaasni qabu gadi bu’aa dhufeera. Kun ammo, tamsa’ina dhukkuba kanaaf carraa guddaa uuma.

Dhukkubni HIV/AIDS magaalaa fi baadiyaa kan hin jenne ta’us; iddoowwan hawaasni baay’inaan jiraatu kanneen akka magaalaa gurguddoo, iddoowwan akka warshaalee ykn kaampaanii gurguddoon argamanitti ni hedduummata. HIV/AIDS nama hunda qabuu kan danda’u yoo ta’u wantootni carraa qabamuu keenyaa dabalanis baay’eedha.

Namoota Dhukkuba Kanaaf Baay’ee Saaxilamoo Ta’an:-

  • Konkolaachistoota karaa fagoo imalan
  • Dubartoota mana dhugaatii keessatti hojjatan ykn walqunnamtii saalaa akka madda galiitti fayyadaman (Commercial sex workers)
  • Namoota mana sirreessaa jiran
  • Hojjattoota humnaa, akkasumas, hojjattoota warshaalee garagaraa keessati hojjatan.
  • Dubartoota abbaan manaa isaanii boqate ykn gargar bahuudhaan qophaa jiraatan; Dhiirootaafis akkasuma.
  • Namoota osoo HIV/AIDS dhaaf hin qoratamin gaa’ela raawwatan akkasumas, erga adda bahanii booda deebisanii wal fuudhan.
  • Dubartoota/dhiiroota fedha isaanii malee dirqisifamanii wal quunnamtii saalaa raawwatan.
  • Ijoollee umrii isaanii malee dirqamni maatii isaanii jiraachisuuf ykn gargaaruuf kennameef. Kunis kan ta’u, abbaa fi haati isaanii ijoollummatti irraa du’uun ykn sababa garagaraatiin adda bahan.
  • Dubartoota dhiira umriidhaan baay’ee isaan caalu waliin walqunnamti saalaa geggeessan. Sababnis dhiiroonni akkasii carraan dubartoota biroo hedduu waliin walqunnamtii saalaa raawwachuu bal’aa waan ta’eef.
  • Namoota daandii gubbaa jiraatan, keessattuu, ijoollee.
  • Daa’imman maatiin isaanii irraa du’an
  • Ijoollee barumsa adda kutanii taa’an

Warroonni kanaa olitti ibsaman carraan walqunnamtii saalaa daangaa hin qabne ykn of eeggannoo barbaachisu malee raawwachuu bal’aadha, kun ammoo, carraa dhukkuba kanaan qabamuu isaanii baay’ee dabala.

Akkamitti Daddarba?

Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne. Walqunnamtiin kun karaa qaama saalaan, munnee (hudduun) ykn afaaniin ta’uu mala. Akka biyya keenyaatti walqunnamtiin saalaa karaa munneen taasifamu baratamaa ta’uu baatus carraan HIV daddabarsuu isaa guddaadha.Tuttuqqii dhiigaa ykn dhangala’aa qaamaa biroo waliin godhamu irraa kan ka’e.

Meeshaa qara qaban kan akka lilmee fi haadduu wajjiin fayyadamuudhaan. Haadha dhukkuba HIV waliin jiraattu irraa gara daa’imaatti darbuu danda’a. Kunis, yeroo ulfaa, yeroo dahumsaa ykn harma hoosisuudhaan ta’uu danda’a. Irra jireessaan, yeroo dahumsaa daddarba.

Akka qorannoon baay’een mul’isan itti HIV’n harka wal-qabachuudhaan, wal-dhungachuudhaan, waliin nyaachuudhaan ykn dhangala’aa akka hancufaa, imimmaan, dafqa qaamaa, fincaan ykn bobbaadhaan hin dadarbu; Tarii, dhangala’aan kunniin yoo dhiigaan walmakan malee.

Namni HIV/AIDSdhaan qabame tokko of eeggannoo gochuun faayidaan isaaf qabu jiraa? Deebiin isaa ‘eeyyen’ kan jedhu ta’a. Kunis, yeroo baay’ee namni HIV waliin jiraatu tokko ofeeggannoo gochuun isaa namoota biroo vaayirasii irraa bilisata’an akka hin faalle gochuuf qofa fakkaachuu danda’a. Garuu, miti. Akkuma jalqaba irratti kaasnetti, vaayrasiin HIV gosoota hedduu qaba.

Nama garagaraa irratti vaayrasiin gosa adda addaa jiraachuu danda’a. Kanaafuu, namni HIV waliin jiraatu carraan inni irra deebi’ee qabamus jira. Kun ammo, dhiibbaa vaayrasiin HIV qaama keenya irraan gahu akka dabalu godha. Kana malees, vaayirasii qorichaan wal bareen qabamuu danda’a. Kun ammoo, yaala isaa ulfaataa taasisuu danda’a.

Mallattoolee Dhukkuba HIV/AIDS

Namoonni dhukkuba vaayiresii HIV dhaan qabaman ji’ootamuraasa keessatti mallattoolee garagaraa agarsiisuu danda’u. Mallattooleen gara jalqabaa mul’atan mallattoolee dhukkuboota biroo kanneen akka hoo’i qaamaa dabaluu, fedhiin nyaataa hir’achuu, dhiita’uu mudaammuddii iddoo garagaraa (morma,bobaa) fa’a yommuu ta’an haalli kunis ‘Acute HIVS yndrome’ jedhamuun beekkama.

Mallattooleen kunniin dhukkuba HIV/AIDS keessatti qofa kan hin mul’anne waan ta’aniif ogeessa fayyaas dogoggorsiisuu danda’u. Kanaaf, dhukkubsatichi amaloota kana of irratti argeseenaa HIV dhaaf saaxilamaa isa godhan ogeessa fayyaa isaatti himachuudhaan qoratamuu qaba. Kana malees, namoonni HIV waliin jiraatan baay’een mallattoo homaatuu osoo hin agarsiisin waggaa baay’ee (5-10) turuu danda’u. Kun ammoo, tamsa’ina hawaasa keessatti jiru daran dabala.

Dhukkubni HIV/AIDS dhibee irra jireessaan seelota madiinummaa keenyaa miidhudha; keessattuu, seelota akka CD4 jedhaman qaama keenya dhukkuba garagaraa irraa eegan garmalee miidha. Kanaaf, namni vaayrasii HIV dhaan qabame tokko mallattoo agarsiisuu baatus vaayiresiin qaama keessatti wal horaa waan deemuuf yeroon booda dandeettiin qaamni dhukkuba of irraa qolachuu isaa baay’ee miidhama.

Kana irraan kan ka’e, namoonni vaayiresii kana waliin jiraatan dhukkuboota daddarboo hawaasa keessa jiran kamiifuu baay’ee saaxilamoo ta’u. Kana malees, dhukkuboonni nama fayya qabeessa ta’e irratti baay’inaan hin mul’anne hedduu isaan irratti argamuu danda’u.

Carraan jarmoota garagaraan (baakteeriyaa,vaayiresii,fangasii) qaqabamuu isaanii daran dabala. HIV/AIDS’n kutaa qaama keenyaa hunda miidhuu kan danda’u yoo ta’u keessattuu dhukkuboonni gogaa qaama keenyaa,Sombaa fi Sammuu keenyamiidhan baay’inaan ni mul’atu.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

One thought on “HIV/AIDS

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *