Guduunfamuu Mar’immaanii Mar’immaan sirna bullaa’insa nyaataa keessatti gahee guddaa taphata. Innis, nyaanni nyaanne sirnaan bullaa’ee fixuuxxamee akka tajaajila qaamaatii fooluu fi hafteen nyaataa immoo akka gara alaatti bahu taasisa. Mar’immaan bakka gurguddoo lamatti qoodama; Isaanis :-
- 1. Mar’immaan qal’aa/xiqqaa (Small bowel)
- 2. Mar’immaan furdaa (Large bowel)
Nyaanni nyaanne adeemsa adeemsaan kutaalee mar’immaanii keessatti erga bullaa’ee booda wantoonni qaamaaf barbaachisan xuuxxamuun; kanneen hin barbaachifne immoo gara alaatti bifa bobbaatiin baha. Dalagaan mar’imnmaanii kun sababagaragaraatiin yoo jeeqame nyaanni nyaanne kun haala barbaachisuun akka qaamaaf hin oolle taasisa.
Rakkoolee mar’immaaniin walqabatan maalidha?
Rakkoolee mar’immaaniin walqabatan keessaa tokko cufamuu mar’immaaniiti. Cufamuu mar’immaanii kan jedhamu yeroo sababa garagaraatiif qabiyyeen keessoo mar’immaanii gara gadiitti darbuu diduudha. Yeroo kana wantoonni silaa gadi darbuu qaban keessoo mar’immaanii gara oliitti kuufamuudhaan adeemsi sirna bullaa’insa nyaataa akka jeeqamuu godhu.
Akkasumas, ujummooleen dhiigaa, dhiiga mar’immaaniif raabsan akka seeraan hin raabsine gochuudhaan mar’immaan keenya balaaf saaxilu. Cufamuun mar’immaanii kun guutummaan guutuuttii cufamuu (complete bowel obstruction) ykn walakkaan cufamuu (partial bowel obstruction) ta’uu danda’a.
Gosoota Cufamuu Mar’immaanii
Cufamuun mar’immaanii iddoo rakkoon kun itti muudate irratti hundaa’udhaan iddoo lamatti qooddama. Isaaniis:-
- 1. Cufamuu mar’immaan xiqqaa/ qal’aa (small bowelobstruction)
- 2. Cufamuu mar’immaan guddaa/ furdaa (large bowelobstruction)
1. Cufamuu Mar’immaan Xiqqaa/ Qal’aa (Small BowelObstruction)
Rakkoon kun gaafa mar’immaan xiqqaan /qal’aan sababa garagaraatiin cufameedha. Sababoonni kunniinis :- Yaala baqaqsanii yaaluu garaa kanaan duraa qabaachuu (post op adhesion). Kutaan mar’immaanii ofii isaa irra yoo naanna’ee ykn maramee guduunfame (volvulas).
Kaanserii mar’immaan xiqqaa. Kutaan mar’immaanii ulaa uumamaan ykn yeroo keessa uumameen bahee deebi’uu dide (hernia). Dhibee TB/daranyoo mar’immaanii. Kulkuluu mar’immaanii (inflammatory bowel disease). Raammolee garagaraa kan akka raammoo maagaa. Wantoota soorataan ala gara mar’immaanii seenan (foreign body).
Daa’imman Irratti:-
- Wantoota nyaata hin taane kanneen akka saantimaa liqimsuu
- Sababa uumamaan keessoon mar’immaanii osoo hinbanamin hafu (congenital atresia).
- Kutaan mar’immaan jalqabaa ykn kan gara garaachaattidhihaatu keessoon ujummoo isaa dhiphachuu(pyloricstenosis).
- Kutaan mar’immaanii tokko isa kan biraa keessaseenu {wal keessa galuu mar’immaanii}(intussusception)
Mallattoolee
Mallattooleen cufamuu mar’immaan qal’aa agarsiisan sadarkaa miidhamuu mar’immaanii irratti hundaa’uudhaan salphaadhaa hanga hamaatti ykn ulfaataatti gahuu danda’a. Akkasumas, iddoo miidhame irratti hundaa’uudhaanis garaagarummaa qabaachuu danda’a. Akka waliigalaatti, kanneen armaan gadii mallattoolee sanniin keessaa hangafoota:-
- Ciniinnaa garaa (crampyabdominal pain)
- Olguuraa fi haqqee (nausea/vomiting)
- Gogiinsa garaa ykn qilleensi/dhuufuu fi udaan/ booyilii diduu (constipation/ failure to pass flatus and feaces)
- Garaa bokoksuu (abdominal distension)
- Fedhii nyaataa dhabuu
- Darbee darbee hoo’i qaamaa dabaluu fi kkf.
Ittisa
- Nyaata xixiqqeessanii yeroo hedduu nyaachuu, keessattuu, kana dura seenaa yaala baqaqsanii wal dhaanamuu garaa qabna taanaan nyaata xixiqqeessanii yeroo hedduu nyaachuun barbaachisaadha.
- Nyaata jajjaboo ta’e sooma yeroo dheeraa booda baay’isanii nyaachuu dhiisuu (sooma yeroo hiikan al-tokkotti baay’isanii nyaachuu dhiisuu).
- Bishaan gahaa dhuguu, kunis, guyyaatti liitra 2 hanga 3 dhuguu. Daa’imman wantoota nyaata hin taane garagaraa akka hin liqimsine irraa ittisuu. Daa’imman yeroo yeroodhaan maxxantoota mar’immaanitiif (intestinal parasite) mana yaalaatti qorachiisuudhaan yaalchisuu.
- Kuduraa fi muduraa nyaachuu.
Gargaarsaa fi Yaala
Cufamuun mar’immaan qal’aa rakkoolee yaala hatattamaa barbaadan keessaa isa tokko. Rakkoon kun yeroodhaan adda bahee yaalamuu baanaan miidhaan isaa hanga lubbuu galaafachuutti gahuu danda’a. Akkuma yeroon inni nama irra ture dabalaa deemu carraan lubbuu galaafachuu isaas dabalaa deema.
Kanaaf, akkuma mallattoolee armaan olitti jenne of irratti argineen dafnee mana yaalaa deemuun gargaarsaa fi yaala argachuu qabna. Keessattuu, namoonni kana dura seenaa yaala baqaqsanii yaaluu garaa irraa qabdan mallattoolee ol itti jenne of irratti arginaan carraa dhukkubichi rakkoo cufamuu mar’immaanii ta’uu isaa guddaa waan ta’eef daftanii mana yaalaa deemuun ilaallamuun baay’ee barbaachisaadha.
Yaalli rakkoo kanaas sadarkaa inni irra jiruu fi sababa cufamuu mar’immaani itiif ka’umsa ta’an irratti hundaa’a. Yeroo baay’ee cufamuun mar’immaan qal’aa yaala baqaqsanii yaaluutiin kan yaalamuudha, yaalli kunis yoo kutaan mar’immaanii cufamee tortore/ du’e/ nyaatame/ dalagaan ala ta’e kutaa mar’immaanii kana kutanii baasuudhaan kutaa mar’immaanii hafe walqabsiisuudha (resection and end to end anastomosis).
Darbee darbee, sababa mar’immaan guduunfame baay’ee dheeraa ta’eef (mar’immaan qal’aan hafe yoo seentimeetira 100 gadi ta’e) muranii gatuun fayyaa namaatiif gaaga’a olaanaa fida waan ta’eef dafanii mana yaalaa deemuun yaala hatattamaa argachuun baay’ee barbaachisaadha. Yoo danda’ame namni mallattoolee armaan ol itti jenne qabu bakka ogeessi fayyaa olaanaan (ispeeshaalistiin baqaqsanii yaaluu ) jirutti osoo yaalamee filatamaadha.
Kutaan mar’immaanii kan hin tortorre (duune) yoo ta’e sababa cufamuu mar’immaanii san adda baafachuudhaan, wanta san yaaluudha. Namoota muraasa irratti rakkoon kun, keessattuu rakkoon cufamuu mar’immaanii guutuu kan hin taane yoo ta’e yaala baqaqsanii yaaluu malee (Fknf, ujummoo funyaaniin galchuun [NG tube], nyaata afaaniin fudhachuu dhiisuu [NPO] fa’an) namatti furuu danda’a.
CUFAMUU MAR’IMMAAN FURDAA (LARGEBOWEL OBSTRUCTION)
Akkuma cufamuu mar’immaan qal’aa, cufamuun mar’immaan furdaa sababa garagaraatiin yeroo qabiyyeen keessoo mar’immaanii gara gadiitti darbuu diduudha. Carraan rakkoo kanaa akkuma umriin dabalaa deemuun dabalaa deema.
Sababoota Nama Saaxilan
- Mar’immaan furdaan ofii isaatiif of irra naannaa’uun guduunfamuu (volvulus)
- Dhiitaa keessoo mar’immaan furdaa
- Kaanserii mar’immaan furdaa (colon cancer)
- Kutaan mar’immaanii tokko kutaa biraa keessa seenuu (intussusception)
- Gogiinsa garaa (fecal impaction)
Daa’imman irratti rakkoo dhalootaan (uumamaan) mar’immaan furdaan gara gadiitti argamu narvii maashaaleen isaa akka kontoonfatan godhan dhabuu (Hirschsprung’s disease)
Mallattoolee
- Garaa bokoksuu
- Ciniinnaa garaa
- Sagaraa (udaan) fidhuufuun bahuu didu
- Haqqisiisuu
- Darbee darbee hoo’i qaamaa olka’uu fa’a.
Gargaarsaa fi Yaala
Gargaarsi fi yaalli rakkoo
kanaa sadarkaa fi wantoota cufamuu kanaaf sababa ta’an irratti hundaa’a, kanaaf, mallattoolee olitti jenne of irratti arginaan yeroodhaan mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuu barbaachisaadha.
Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!
