Email duraan banannee turre password isaa yoo daganne akkamiin sirreeffanna?

Baga nagaan gara marsariitii keenya jalo press dhuftan jechaa har’a barnoota waa’ee Email duraan banannee turre password isaa yoo daganne akkamiin sirreeffanna? jedhuun wal qabatu qabannee dhufneerra, kanaafuu hamma xumuraatti obsaa fi qalbiidhaa barreeffama kana dubbisaa jechuun barbaada.

Gmail account tokko yoo akka tasaa password isaa daganne maal goona?

Gmail account kan password isaa dagattan sirreeffachuuf isteppiiwwan armaan gadii kana hordofuun salphaatti sirreeffachuu dandeessu jechuudha.

Tarkaanfii 1:

Gara browser bilbila keessan irraa fayyadamtan tokkoo yookiin gara Google chrome yookiin immoo internet browser kan ta’e kamiyyuu deemuun erga keessa seennee booda banuudhaan “Gmail Sign In” yookiin Gmail Account jenne barreessuun search ni goona.

Tarkaanfii 2:

Tarreeffamoota yookiin filannoowwan nuuf dhufan keessaa, filannoo isa “Sign in Google accounts” kan jedhu irratti cuqaasnee booda keessa seenna.

Tarkaanfii 3:

Erga keessa nu galchee booddee “Enter your email or phone” jechuudhaan akka nuyi email keenya yookiin lakkoofsa bilbilaa keenya galchinuuf yeroo nu gaafatu Email keenya itti galchuudhaan filannoo jalatti nuuf kennamu keessaa Next kan jedhu filanna.

Tarkaanfii 4:

Erga isteeppii olitti jiru xumurree booda “Enter your password” iddoo jedhu kana irratti password akka itti galchinuuf nu gaafata, Nuti garuu password isaa dagannee jirra waan ta’eef xiqqoo gara jalaatti gadi bu’uudhaan akka filannootti “forgot password” jedhee kan jiru irratti erga cuqaasne.

Tarkaanfii 5:

Sana booda Opshinii “Get a verification code” nuun jechuudhaan Guuguliin bilbila keenya irratti ergaa gabaabaadhaan akka nuuf erguuf immoo filannoo jiru keessaa “text” kan jedhu filanna. Garuu filannoo jiru keessaa “Call” isa jedhu yoo filanne immoo bilbila keenya irratti nuuf bilbiluudhaan koodii nutti himuu waan ta’eef osoo text dhaan akka nuuf ergamu goonee filatamaadha.

Hubachiisa:

Fuuluma keessa jirruu biratti iddoo barreeffama “Google will send a verification code to ……** jechuun iddoon kun dhuma digiitii lamaan lakkoofsa bilbilaa keenyaa kan ittiin email banannee ta’u isaa mirkaneeffachuu qabna. Erga isa sirrii ta’uu isaa mirkaneeffannee booda Isteeppii isa itti aanutti darbina.

Tarkaanfii 6:

Battaluma sanatti dhaabbata Google irraa lakkoofsa koodii dijiitii ja’aa (6) kan ta’e lakkoofsa bilbilaa keenya irratti nuuf ergu. Koodii kana fudhannee bakka duwwaa “enter your code” jedhu irratti barreessuun enter tuqna.

Tarkaanfii 7:

Erga akkas goonee booda fuula itti aanu irratti ” dhaabbannii Guugiliin password haaraa akka nuti itti godhannuuf nu gaafata. Yeroo kana Password cimaa ta’ee fi xiqqoo dheeraa ta’e iddoo lamaan isaa irrattiyyuu, kana jechuunis bakka confirm jedhu irrattis erga galchinee booda filannoo “save password” kan jedhu irratti tuqna.

Tarkaanfii 8:

Erga tarkaanfiiwwan jira hunda xumurree booda amma milkaa’inaan password haaraa ta’e Email keenya dagannetti godhannee gara Gmail account keenya keessa seenuu dandeenyee jirra jechuudha.

Google immoo dhimmoota security waliin wal qabatan security checkup waan nu gaafatuuf, nutis xiqqoo gara gadiitti siquun continue kan jedhu cuqaasnee gara ergaawwan nuuf ergaman ilaallee dubbisuu fi ergaa haaraa immoo namoota biroof erguutti seenuu ni dandeenya jechuudha.

Kanaafuu yoo password email keessanii dagattan haala kanaan jijjiirrachuun itti gargaaramuu dandeessu jechuudha. Waan hamma ammaatti obsaan dubbistaniif ulfaadhaa,

gaaffii fi yaada yoo qabaattan comment irratti naaf barreessaa Galatoomaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *