DHUKKUBBII DUGDAA

Dhukkubbii dugdaa beekkamaa fi rakkoo namoota hedduuti. Dhukkubbiin kun namoota umrii kamuu keessa jiran muudatus, garuu namoota umriin deeman irratti ni baay’ata (akkumaumriin dabalaa deemu carraan rakkoo kana qabaachus dabalaadeema). Dhukkubbiin kun kan yeroo gabaabaa (acute back pain) ykn kanyeroo dheeraa (chronic back pain) turu ta’uu danda’a.

Yeroo baay’ee namoota irratti dhukkubbiin dugdaa garagadiitti (lower back pain) mul’atus, darbee darbee dhukkubbiin dugdaa gara olii(upper back pain) namoota baay’ee muraasa ta’an muudachuu danda’a. Dhukkubbiin kun kan nama mudatu yeroo kutaaleen qaamaa gara duubatti argaman irra miidhaan gaheedha.

Hunda caalaa garuu, dhukkubbiin dugdaa rakkoo maashaalee naannoo kanaatti argaman waliin walqabata. Kunis, kan muudatu yeroo ulfaatina guddaa ol kaasne, haala nutti hin mijanneen yoo ol kaasne ykn yeroo dheeraaf kan dalagnu yoo ta’eedha.

Sababoota Nama Saaxilan?

  • Ulfaatina guddaa ol kaasuu ykn haala hin mijanneen ulfaatina ol kaasuu.
  • Ulfaatina garmalee guddaa ta’e qabaachuu.
  • Haala ciisichaa mijataa hin taane
  • Ulfa (pregnancy)
  • Sochii qaamaa gochuu dhiisuu (poor physical fitness).
  • Umrii (older age) akkuma umriin dabaaa deemuun carraan rakkoo kana qabaachuu dabalaa deema.
  • Tamboo aarsuu
  • Dhukkuboota akka kulkuluu buusaawwan lafee. dugugguruu dugdaa (arthritis), kaanserii fi kkf.
  • Rakkooleen akka dhiphina sammuu hamaa fi aariin hangatokko nama saaxilu jedhamee yaadama.
  • Miidhaan dugda irra qaqqabuu
  • Dhukkuba kalee tokko tokko
  • Dhukkuba daranyoo (TB) lafee
  • Hirriba dhabuu ykn baay’isanii rafuu
  • Gaafa rafan boraatii baay’ee olka’aa ta’e fayyadamuu

Ittisa

Yeroo baay’ee dhukkubbiin kun boqonnaa fudhachuu fi manattiwaan sasalphaan of gargaaruun baduu ni danda’a. Yeroo tokko tokko immoo mana yaalaatti yaalas barbaachisuu danda’a.

Akkamitti Ittisuun danda’ama?

Sochii qaamaa gochuu, sochiin qaamaa jabina qaamaa dabaluu fi qaamni keenya akka salphatti kottoonfatuu fi diriiru godha. Haala ciisichaa waliin walqabachuu waan danda’uf sirreessanii ilaaluu Nyaata madaalamaa (keessattuu nyaanni kaalsiyeemii fi Vaayitaaminii D dhaan badhaadhan, fayyummaa lafee keenyaaf baay’ee murteessoodha ); akkasumas kuduraa fi muduraa nyaachuu.

Tamboo aarsuu dhiisuu Ulfaatina guddaa qabna yoo ta’e hir’isuu (ulfaatina madaalawaa qabaachuu ). Yeroo Ulfaatina ol kaafnu; Yoo danda’ame haala biraa fayyadamuu ykn suuta jennee ol kaasuu. Ulfaatina guddaa ol kaasuu dhiisuu. Yeroo kaasnu haala mijataa qopheeffachuu qabna.

Dhaabbannaa fi teessuma keenya mijeeffachuu (Yeroo dheeraaf dhaabbachuu, taa’uu fi ciisuun dhukkubbi dugdaa qofaaf osoo hin taane akka waliigalaatti fayyaaqaama keenyaaf gaarii waan hin taaneef, Haalli hojii keessan kanaaf kan isin saaxilu yoo ta’e jiddu jidduutti dhiisuun boqonnaa fudhachuun sochii taasisuu). BGL

Yeroo teessanii fi dhaabbattanis haala dhaabbannaa fi teessuma qaamaaf mijataa ta’e qopheeffachuu qabdu. Kophee koomeen isaa olka’aa hin taanee (flat) fi kan nu hin qabne fayyadamuu. Dhiphina fi yaaddoo hamaa xiqqeessuu. Gaafa rafan boraatii baay’ee olka’aa ta’e fayyadamuu dhiisuu Dugda hanga danda’ameen sukkuumachuu fi kkf

Yeroo kam Mana Yaalaa Deemuu Qabna?

Boqonnaa gahaa fudhachuun kan nu hin dhiifne yoo ta’e Hoo’i qaamaa yoo dabale (fever)Dhiitaan dugdaayoo jiraate Walitti fufiinsaan kan nama dhukkubu yoo ta’e. Dhukkubbiin miilas dabalataan yoo jiraate. Fincaan ykn bobbaa (udaan) too’achuu kan hin dandeenye yoo ta’e Fincaan fincaa’uun kan nama rakkisu yoo ta’e.

Erga rukutamanii ykn kufanii booda kan dhufe yoo ta’e Miilli kan nama adoodu (hadoodu) fi sochoosuu kan hin dandeenye yoo ta’e. Ulfaatinni qaamaa baay’ee kan hir’ate yoo ta’e (significant unexplained weight loss) fi kkf yoo jiraatan dafnee mana yaalaa deemuu qabna.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *