DHUKKUBA SUKKAARAA

Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan. haraa immoo waa’ee dhukkuba sukkaaraa wajjiin ilalaa. Ilmi namaa lubbuun jiraachuuf wantoota dirqamaisa barbaachisan keessaa inni tokko nyaata. Nyaanni guyyaa guyyaadhaan nyaannus qaama keessatti sadarkaa garagaraatti bullaa’ee dhuma irrattis faayidaa kennuuf gara molekiyuulota xixiqqoo gilukoosii jedhamutti geeddarama, egaa nyaanni ijaan muldhatu guddaan sun gara molekiyuulii baayyee xiqqoo ijaan hin muldhanne gilukoosii jedhamu kanatti jijjirameet seelota qaama keenyaa beela irraa hambisa jechuudha.

Qaamni keenyas gilukoosii kana al takkaan osoo hin taane hanga barbaadu fayyadamaa, kan irraa hafe immoo haala garagaraan iddoo garagaraatti yeroo rakkoof kuufata. Haalli armaan olitti jenne kun akka milkaa’uuf immoo, hoormonoonni hamma gilukoosii dhiiga keessaa too’atan garagaraa ni jiru. Isaan keessaa tokko hormoonii insuliinii jedhamu kan xannacha rajiijii keenyaan madduudha.

Dhukkuba Sukkaaraa kan jennu, gaafa qaamni keenya gilukoosii (glucose) nyaata nyaannu irraa haala olitti jenneenargamu kana sababa garagaraatiin haalaan itti fayyadamuu dadhabuu irraa kan ka’e hammi sukkaara (gulukoosii) dhiigakeessatti argamu hanga barbaachisuu ol ta’edha.

Gosoota

Gosoonni dhibee sukkaaraa baay’ee ta’anis namoota hedduirratti kan mul’atan lamaan kanaan gadiiti. Isaanis;-

  • Gosa Iffaa (Type 1 diabetes mellitus/ TIDM) :- Sababaguutummaan guutuuttii dhabamuu hormoonii insuliiniixannacha rajiijii irraa madduu.
  • Gosa 2ffaa (Type 2 diabetes mellitus/ T2DM) :-Sababahammi insuliinii qaama keenyaa hir’achuunii fi qaamnikeenya insuliinidhaaf sirnaan deebii laachuu dadhabuunkan dhufuudha.

Sababoota Nama Saaxilan

Xannachi rajiijii guutummaatti hormoonii insuliinii maddisiisuu yoo dadhabu, Kunis, sababa

  • Madiinummaan qaama keenyaa ofuma isaatiifyoo seelii insuliinii maddisiisuu rajiijii keessatti argamu kana miidhuu (autoimmune destructionof islet betta cells) ta’e
  • Yaala baqaqsanii yaaluu xannacha rajiijii (pancreatectomy)
  • Dhukkuba garagaraa kan yeroo ijoollummaa(Infeekshinii garagaraan Fknf, vaayirasii fa’aandhufan) muudatan
  • Ulfaatina qaamaa garmalee guddaa ta’eqabaachuu.
  • Seenaa maatii (maatii keessaa namni dhukkubasukkaaraa qabu yoo jiraate).
  • Sochii qaamaa gochuu dhiisuu (sedantary life).
  • Kan sababni isaa hin beekamne (idiopathic).

Mallattoolee

Mallattooleen dhukkuba sukkaaraa gosoota dhukkuba sukkaaraa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a.

Gosa 1ffaa (type 1 diabetes mellitus / T1DM )

  • Garmalee dheeboochuu
  • Nyaata garmalee nama nyaachisuu
  • Kan dura fincaa’an caalaa garmalee nama fincoofsisuu fiulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu fa’a.
  • Gara boodaa immoo:-
  • Ol nama guursisuu fi Haqqisiisuu
  • Garaa dhukkubbii
  • Mataa dhukkubbii
  • Osoo homaa hin hojjetin dadhabbiin garmalee ta’e namatti dhagahamuu
  • Dhangala’aan qaama keessaa gara fincaaniin, haqqee fa’aan gara alaatti waan bahuuf, hammi dhangala’aa qaama keessaa baay’ee xiqqaachuu.
  • Harki baay’ee nama qorruu,
  • Afaanii fi hidhiin baay’ee goggoguu,
  • Dhiibbaan dhiigaa gadi bu’uu (dhangala’aan garmalee yoo hir’ate malee jiraachuu baachuu danda’a), Akkasumas, hanga of wallaaluutti geessuu danda’a.

Gosa 2ffaa (type 2 diabetes mellitus/T2DM)

Gosti kun yeroo dheeraadhaaf (hanga waggaa kudhanii) mallattoo homaa agarsiisuu dhiisuu danda’a. Kanarraan kanka’e, osoo hin beekamin yeroo nama irra turu miidhaa heddunama irraan gahuu danda’a. Namoota baay’ee keessatti yeroo dhukkubni kun beekkamu /bira gahamu xaxaaleen heddu waliin jiraachuu danda’u.

Maallattooleen kunniinis:-

  • Sababa kalee miidhuuf, mallattoolee miidhamuu kalee agarsiisan
  • Ija miidhuu waan danda’uuf, rakkoo agartuu ykn ijaa fida.
  • Onnee keenya miidhuu waan danda’uuf, mallattoolee miidhamuu onnee agarsiisan
  • Ujummoolee dhiigaa waan miidhuuf, ka’uu dhabuuqaama saalaa, olka’uu fi mallattoolee olka’uu dhiibbaadhiigaa, madaa’uu gogaa fi lukaa, qaamni fi madaa xiqqoon fayyuuf yeroo dheeraa fudhachuu ykn fayyuudhiisuu, sammuu keessatti dhiiguu fi kkf
  • Sirna narvii waan miidhuuf; mallattoolee miidhamuusirna narvii agarsiisan fa’a.

Maal gochuu qabna?

Battala mallattoolee kanneen of irratti argitan mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun hamma sukkaara qaama keenyaa ilaalamuu, Isa gosa 2ffaaf immoo sababoota olitti jenne kan dhukkuba kanaaf nama saaxilan qabdu yoo ta’ee fi umriin keessan akkuma raagaa deemuun dirqama mallattooleen isin irratti hanga muldhatanitti eeguu hin qabdan.

Mana yaalaa deemtanii ilaalamuun xaxaalee kanneen irraa isin hambisa. Dhibeen kun nama irraa namatti hin daddarbu. Namoonni dhibee kana qabaachuu keessan mirkanneeffatan:- Qorichi isiniif kenname Insuliinii yoo ta’e iddoo tempireechara gad aanaa qabu keessa kaa’uu qabdu (yoo kanqabdan ta’e Firiijii ykn wantoota tempireechara akka ol hinkaanee godhan fayyadamuun ni danda’ama).

Dhukkubni kun yoo yeroonii fi seeraan yaalamuu baannaan rakkoolee hanga lubbuu keenya galaafachuutti. geessisuu waan danda’uuf yeroo yeroodhaan qoratamuun barbaachisaadha. Namoonni qabaachuun keessan beekame immoo gorsaogeessaa sirriitti hojii irra oolchuu qabdu. Ogessi fayyaahaala nyaataa, sochii qaamaa,

Mallattoolee olka’uu (hyperglycemia) fi gadi bu’uu (hypoglycemia) hamma gilukoosii qaamaa irratti gorsa isinif kennuu danada’a. Akkasumas, qoricha keessan seeraan fudhachuu fǐ hordooffii barbaachisaa ta’e haalaan gochuu baay’ee murteessaadha.

Yaala

Yaalli dhukkuba sukkaaraa haala jireenyaa fooyyeffachuu fǐqoricha ogeessi fayyaa namaaf ajaje seeraan fudhachuu ilaallata. Haala jireenyaa fooyyeffachuu gaafa jedhamu:- Haala nyaataa fayyadamuu qabanii beekuu

Sochii qaamaa gochuu gadi bu’uu fi olka’uu sukkaara qaama keessaa adda baafachuun hatattamaan tarkaanfii fudhachuu of keessatti haammata. MLA

Haala Nyaataa Nyaata Akkamitu Gorfama?

Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban nyaata fayyadaman irratti of eeggannoo gochuu qabu. Kanaaf, nyaata coomni fizayitni itti baay’ate Fknf, dadhaa, foon coomaa, Akkasumas,nyaata qabiyyeen sukkaara isaa ol aanaa ta’an kan akka, chokoleetii fa’a irraa of qusachuu qabu.

  • Kan isaan fayyadamuu qaban:- Nyaata annisaa namaaf kennan Fuduraa fi kuduraa garagaraa Nyaata ashaboon itti hin baay’anne fi Zayitiiwwan hin ititne, Fknf, kan suufii, nuugii fa’a fayyadamuun gaariidha.
  • Dabalataan:- Bishaan sirriitti dhuguu
  • Sigaaraa xuuxuu dhiisuu
  • Alkoolii fayyadamuu dhiisuu fi kkf

Sochii Qaamaa Akkami?

Sochiin qaamaa namoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif baay’ee barbaachisaadha, Garuu, gaafa sochii qaamaa godhan hammi sukkaara isaanii gadi bu’uu waan danda’uuf, kiisii keessatti karameellaa, sukkaara xiqqoo, akkasumas, dhangala’aa akka mirindaafaa qabachuun gaariidha.

Sochiiwwan qaamaakunniinis:- Deemsa ariifannaa qabuKubbaa miilaa Ragada Bishaan daakuu Kubbaa saaphanaa fi kkf guyyaatti daqiiqaa 30f,torbanitti guyyaa 5f gochuun baay’ee barbaachisaadha.

Mallattoolee Olka’uu Hamma Sukkaaraa Agarsiisan

  • Fincaan namatti baay’achuu Baay’ee
  • dheebochuu fi beela’uu
  • Nama dadhabsiisuu
  • Hafuurri adda ciccituu
  • Fooliin afaan isaanii jijjiiramuu
  • Dhahannaan onnee dabaluu
  • Garaan nama dhukkubuu
  • Olguuraa fi haqqee
  • Hidhii fi afaan goguu
  • Mataa dhukkubbii fi Of wallaaluu

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *