Kintaarotiin Maali?
Kintaarotiin ujummoolee dhiiga-deebisan (veins) kan gurmuun naannoo teessuma keenyaatti uumamaan argaman, wantoota garagaraa kanneen akka dhuufuu fi bobbaa keenya too’achuufnu fayyadaniidha.
Dhibeen Kintaarotii hoo?
Dhibeen kun kan uumamu ujummooleen dhiiga deebisan kunniin dirri isaanii diriiruudhaan dhiigaan yommuu guutamuudha. Dhiigni kuufame seeraan deebi’uu baannaan dhiitaa naannoo taa’umsaatti uuma. Darbee darbees, mada’uun naannoo qaama gad taa’umsaa/ huddduu irratti muldhatu ykn keessaan gadi bahu jiraachuu danda’a.
Gosoota Dhibee Kintaarotii
Bakka/iddoo ta’umsa isaa sararahin mul’anne ‘dentate’ jedhamu irratti hundaa’uuin:-
- Kintaarotii keessoo, sarara kanaa ol
- Kintaarotii alaa; sarara kanaa gadi
Kintaarotii makaa; lachuu
Akkasumas, Kintaarotii keessoo kana sadarkaa inni (dhiitaan uumame) qaama taa’umsa keessaan gadi bahe irratti hundaa’uun:-
I. Sadarkaa 1ffaa:- osoo gadi hin bahin gara ulaa munneetti kan fulla’u
II. Sadarkaa 2ffaa:- dhiitaan yeroo bobbaa baanu gadi bahee ofii isaatii kan ol deebi’u
III. Sadarkaa 3ffaa:- dhiitaan yeroo bobbaa baanu (ittannu) darbee darbees ofii isaatii gadi bahee harka keenya ykn wanta biroo fayyadamuudhaan kan ol deebi’u
IV. Sadarkaa 4ffaa:- dhiitaa takka gadi baanaan yeroo dheeraadhaaf osoo ol hin deebi’in achuma turu.
Sababoota Nama Saaxilan
Furdina qaamaa garmalee guddaa ta’e. Gogiinsa garaa ykn baasaa yeroo dheeraadhaaf ture (chronic constipation or diarrhea). Qufaa yeroo dheeraadhaaf nama irra ture. Mana fincaanii, bobbaa taa’uuf deemnee yeroo dheeraa turuu fi baay’isanii ittanuu Wantoota garaa keenya bokoksan/ dhiiteessan kanneen akka dhukkuba tiruu, onnee, kalee, ulfaa fi kaanserii tokko tokko. Infeekshinii taa’umsa (munnee) keenya deddeebi’ee nu qabe.
Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu. Nyaata kuduraa fi muduraa garagaraa nyaachuu dhiisuu. Dhukkuba sukkaaraa qabaachuu. Alkoolii baay’isanii dhuguu. Bobbaan yoo nutti dhufe sa’aa dheeraadhaaf qabannee turuu. Walqunnamtii saalaa qaama taa’umsaatiin gochuu. Umrii; yeroo baay’ee namoota umriin isaanii 18 fi isaa olta’an. Saala:- saala lachuu irratti qixxeedha.
Mallattoolee
Mallattooleen dhibee kanaa gosoota isaa irratti hundaa’a. Dhibee Kintaarotii Alaa Dhiigni diimaa “fresh” ta’e yeroo mana fincaanii deemnee bobbaa baanu dhiiguu. Kanas, bobbaa, waraqaa ykn sooftii ittiin qulqulleeffanne irratti arguu dandeenya. Dhukkubbiin teessuma/ hudduu keenyatti nutti dhagahamuu, keessattuu, yeroo bobbaa baanu ykn teenyu.
Naannoon teessumaa/ hudduu nama hooksisuu. Darbee darbee, udaan/bobbaan too’annaa malee ofumaa gadi ba’uu. Dhiitaan qaama taa’umsaa irratti mul’achuu. Yeroo tokko tokko dhiitaan micciiramee ykn guduunfamee, akkasumas dhiigni itituudhaan ujummoo dhiigaa naannoo san jiru yoo cufe dhukkubbiin baay’ee hamaa ta’e tasa nutti dhagahamuu danda’a.
Dhiigni dhiigu kan yeroo dheeraaf nurra ture yoo ta’e hir’ina dhiigaatiif waan nu saaxiluu danda’uuf mallattooleen hir’ina dhiigaa nurratti mul’achuu danda’u
Dhibee Kintaarotii
Keessoo Yeroo baay’ee yoo akka tasaa micciirame malee dhukkubbii hin qabu. Qaama teessumaatiin dhiiguu. Dhiitaan qaama teessumaa irratti mul’achuu ykn miirriakkasii nutti beeksisuu; Kun immoo, akkuma dura jenne sadarkaa irratti hundaa’a.
Ittisa
Bishaan gahaa dhuguu.Sochii qaamaa gochuu. Bobbaa dabarsuu dhiisuu. Kuduraa fi muduraa garagaraa kan akka raafuu, dinnicha, talbaa,garbuu, baaqelaa, atara, ocholonii, burtukaana, loomii, avokaadoo fi mnuuzii fa’a nyaachuu.
Mana fincaanii yoo deemne qulqulleeffachuuf bishaan fayyadamuu. Bobbaa yoo baanu garmaleeittanuu fi mana fincaanii irraturuu dhiisuu.Akkasumas, wantoota dhibeekanaaf nama saaxilan irraa ofeeguu fi kkf.
Yaala
Yaalli isaa gosootaa fi sadarkaa dhibee kanaa irratti hundaa’a. Innis, yoo dhibee kintaarotii keessoo sadarkaa 1ffaa fi 2 ffaa ta’e wantoota armaan gadii mana keenyatti gochuu ni dandeenya. Isaanis:- Bishaan hoo’isuun ashaboo fal’aana 2-3 itti naquun erga bulbulamee booda hanga daqiiqaa 20f qaama teessumaatiin guyyaatti yoo xiqqaate al 2f (ganamaa figalgala) keessa taa’uu.
Yoo kan argattan ta’e guyyaatti yoo xiqqaate al 3 cabbii iddoo taa’umsaatti qabuu. Bishaan gahaa dhuguu. Haala nyaataa sirreessuu dabalataan ogeessa fayyaa mariisisuun gaariidha.
Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabna?
Maloota kanneen fayyadamne yeroo dheeraadhaaf yoonu dhiisuu dide. Dhukkubbiin baay’ee hamaa ta’e tasa dafee nutti yoo dhagahame. Gosoota dhibee kintaarotii keessoo sadarkaa 3ffaa, 4 ffaafi kintaarotii alaa yoo ta’e.
Mana yaalaa yoo deemne ogeessi fayyaa keenya gosaa fi sadarkaa irratti hundaa’uun qorichoota garagaraa nuuf kenna. Darbees, hanga yaala baqaqsanii yaaluutti gahuu danda’a.
Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!
