Dhukkuba asmii dhukkubni asmii sirna hargansuu huban keessaa isa tokkoodha. Dhukkubni kun dhukkuba daddarboo hin taanee fi kan yeroo dheeraaf nama irra turuudha. Dhukkubni kun ujummoolee qilleensaa fi dameewwan xixiqqoo ujummoo qilleensaa somba keessa jiran dhiphisuudhaan rakkina seeraan harganuu dadhabuutiif kannama saaxiluudha.
Ujummooleen qilleensaa kunneen haala garagaraan dhiphachuu danda’u. Isaan keessaa:-
- Keessoon ujummoolee kanaa dallanee dhiita’uudhaan wantoota alarjii itti ta’anif deebii kennuun.
- Ujummooleen kun dhangala’aa baay’ee furdaa ta’ee fi baay’ina qabu maddisiisuun.
Dhukkubni kun guutuu adduunyaatti biyya keenya dabalatee rakkoo namoota baay’eeti.
Sababoota Nama Saaxilan
Seenaa maatii qabaachuu. Kana jechuun, haadha, abbaa fi firoonni dhihoo dhukkuba kana qabaachuu. Sigaaraa (tamboo) xuuxuu ykn nama tamboo xuuxu waliin yeroo dheeraa dabarsuu (passive smokers). Ulfaatina qaamaa garmalee guddaa ta’e qabaachuu.
Yeroodheeraaf keemikaalot warshaalee keessaa bahaniif, foolii farra aramaa ykn farra ilbiisotaaf saaxilamuu. Uumamaan alarjii qaamaa biroo qabaachuu. Fknf, alarjii gogaa, ijaa, funyaanii fi kkf.
Mallattoolee
Dhukkubni Asmii dhukkuba yeroo Dhukkubni Asmii dhukkuba yeroo baay’ee umrii ijoollummaatti dhufu yoo ta’u, ga’eessaa fi namoota gurguddaa ta’u, ga’eessaa fi namoota gurguddaa mul’achuu danda’a. irrattis Mallattooleen asmii hammeenyi isaanii namaa namatti garaagarummaa qabaachuu danda’a. Kunis, salphaadhaa hanga baay’ee hamaa fi dalagaa idilee hojjatachuuf nama rakkisutti gahuu danda’a.
Akka waliigalaatti garuu, mallattooleen kunniin:- Nama ukkaamsuu, hafuura addaan kukkutuu. Nama qufaasisuu, Kunis, qufaa gogaa ykn aakkee wal-harkisu (wal irraa hin cinne) qabaachuu, qufaan kunis, ganamaa fi galgala namatti kan cimuudha. Gaafa harganan sagalee akka xiixaa yeroo uluullee afuufan bahu fakkaatu dhageessisuu. Kunis, yeroo qilleensi ujummoolee qilleensaa sababa rakkoo kanaan dhiphatan keessaa darbuu uumamuudha.
Dhukkuba asmii qaban qilleensa keessatti fudhatan baasuudhaaf yeroo dheeraa itti fudhata. Laphee irratti namatti ulfaachuu ykn hacuucee qabuu fi lapheen nama dhukkubuu fa’a. Keessattuu, yeroo gannaa dhukkubsattoonni asmii mallattooleen kunneen irratti mul’achuu danda’u; Kunis kan ta’u, qilleensi qorraan ujummooleen qilleensaa akka dhiphatan gochuu waan danda’uuf.
Dhukkuba Kana Wantoota Namatti Kaasanii fi Hammeessan
Wantoonni dhukkuba asmii namatti kaasanii fi namatti hammeessan namaa namatti garaagarummaa qabaachuu danda’u. Akka waliigalaatti garuu, wantoonni kunneen yeroo baay’ee namatti ni kaasu ykn hammeessu; Isaanis:-
- Qilleensa qorraa ykn diilallaa’aa
- Dhukkee fi harca’aa daraaraa garagaraa
- Foolii cimaa ta’e. Kunis, kan ajaa’u ykn urgaa’u. Akkasumas, foolii bineeldotaa fi ilbiisotaa.
- Aara warshaa, tamboo fi qoraan boba’uu
- Dhiphinaa fi yaaddoo hamaa ta’e
- Dhukkuboota infeekshinii sombaa, kan akka utaalloo fi cawwee sombaa
- Qorichoota dhukkuboota birootiif fudhataman, kanneenakka’ibuuprofan(ibuprofen),fiindomeetaasin(indomethacin),aspiiriin(aspirin)piropraanolool (propranolol).
- Sochii gaamaa fa’adha.an
Ittisa
Akkuma olitti jenne saaxilamummaan dhukkuba asmii uumamaa fi naannoo irraa ta’uu danda’a. Kanaaf,saaxilamummaa uumamaa, dhukkubichi akka nutti hin kaanee fi hin hammaanne gochuun ala homaa gochuun hin danda’amu. Isa naannoo garuu hanga danda’ameen irraa of eeguun gaariidha.
Haalli kunniinis :- Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e qabaachuu. Tamboo aarsuu dhiisuu fi nama aarsu irraa fagaachuu. Hanga danda’ameen saaxilamummaa keemikaalota warshaa keessaa bahanii fi keemikaalota kan biroo hir’isuu. Nyaata fuduraa fi muduraa qabu sirriitti nyaachuu fa’a.
Yaala
Yaalli dhukkuba kanaa inni guddaan mallattoolee isaa too’achuudha.
- Ofii keenyaa waan gochuu qabnu:- Wantoota dhukkuba kana nutti kaasanii fi hammeessan sirriitti adda baafachuu fi irraa fagaachuu.
- Boqonnaa gahaa ta’e fudhachuu.
- Iddoo qilleensi gahaan jirufilachuu. Fknf, mana bal’aa keessa jiraachuu ykn yeroo hundaa foddaa banuu.
- Qulqullina dhuunfaa fi Scarnaannoo sirriitti eeggachuy.
Takka dhukkuba kanaan qabamnaan qorichi guutummaan guutuuttii isa fayyisu jiraachuu baatus, kan mallattoolee isaa too’achuuf oolan ni jiru. Kanaaf, qorichoota kanneen haala ogeessi fayyaa keessan isiniif ajajeen fudhachuun barbaachisaadha. Qorichoonni asmiidhaaf ajajaman garaagaraa waan jiranii fakkaataa itti fudhataman sirritti adda baafachuun murteessaadha.
Fakkeenyaaf, qorichoonni tokko tokko yeroo mallattooleen kunneen mul’atan akka to’atan qofa kan fudhataman jiru. Namoota asmiin irra deddebi’ee isaan rakkisuuf akkasumas, qorichoota yeroo mallattoon kun mulatu fudhatamaniin dhiisuu diduuf qorichi dabalataa yeroo hunda fudhatamu kennamuu danda’a.
Kanaaf, haala dhukkuba keessanii irratti hundaa’uudhaan qorichoota isiniif ajajaman adda baafachuu fi haala jedhameen fudhachuun murteessaadha. Hordoffi barbaachisun seeraan gochuun barbaachisaadha.
Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!
