DHIPHINA SAMMUU

Dhiphina Sammuu kan jedhamu deebii sammuun keenya jijjiirama naannoo, haala jireenya keenyaa fi waa’ee qaama keenyaaf itti uumaman kennu yoo dhiphina fi yaaddoo nurraan geessisedha. Dhiphinni uumamaan kan jiruudha. Namni kamiyyuu nidhiphata.

Namni hin dhiphanne hin jiru. Garuu sadarkaan dhiphinaa namaa namatti adda adda ta’uu danda’a. Kanaaf, sababa kan ta’u immoo:- Jireenya kana dura dabarsine, Uumamaan (biological), Saala, Umrii, Seenaa maatii (family history), Hawaasaa fi naannoo keessa jiraannu ta’uu danda’a.

Akka waliigalaatti, namni kamiiyyuu, eessayyuu yoo jiraate, qabeenyaa fi beekumsa hanga fedhes yoo qabaate, dhala namaa kan ta’e hunduu ni dhiphata.

Dhiphachuun faayidaa qabaa?

Deebiin isaa eeyyeen fayyidaa qaba kan jedhu ta’a. Haa ta’u malee, dhiphinaa fi yaaddoo xiqqoo kan garmalee hin taane yoo ta’eedha. Faayidaaleen dhiphina xiqqoo (garmalee hin taane) kunniin:- Wantoota yeroo gabaabaa keessatti xumuruu qabnu akka yeroon xumurru nu taasisa. Rakkoolee jiran adda baafnee furmaata akka laannuuf nu qopheessuu danda’a.

Hojii keenyattis akka cimnu nu gochuu danda’a. Balaa mudachuu danda’u tokko tokko dursinee akka tilmaamnu nu gochuu danda’a. Walumaagalatti, namni tokko rakkoo jiru dursee yoo hubate (proactive) yoo saffisaan furmaata barbaadeef; dhiphina sammuu garmaleef kan hin saaxilamne qofa osoo hin taane, jireenya fooyya’aa fi gammachuu qabu jiraachuuf isa gargaara.

Sababa dhiphina Sammuu fi yaaddoo hamaaf nama saaxilan:- Nama jaalatan du’aan dhabuu. Fknf, Abbaa, Haadha, Obboleessa/ Obboleetti, Hiriyaa, Jaalallee, Firoottan dhiyoo fa’a. Waldhabdee:- Iddoo hojiitti Maatii keessatti Jaalaleewwan gidduutti Hawaasa waliin /keessatti Biyyoota gidduu fa’a.

Fayyaa dhabuu ykn dhukkubsachuu Hojii dhabdummaa Hiyyumaa ykn galii gad aanaa argachuu Jeequmsa siyaasa biyyaa Maatii irraa fagaatanii jiraachuu Daldalli ykn piroojektiin eegalan yeroo gadi bu’u ykn kufu Balaa tasaa: shoror keessaa, tiraafikii, ibiddaa fi kan biroos Badii dalaguu Humnaa ol ykn waan gochuu hin dandeenye karoorfachuu (kan haala, yeroo, humna qabnu (capacity) fi beekumsa karooricha milkeessuuf gaafatu osoo hin qabaatin yoo kan karoorfannu ta’e.

Bu’aa barnootaa gad aanaa fiduu Hojiin namatti baay’achuu Hirriba gahaa rafuu dhabuu. Akkasumas, baay’isanii rafuu fi kanneen biroos haala qabatama hojii keenyaa fi jireenya keenyaan eeruun ni danda’ama.

Amalootaa fi Mallattooleen Namni Dhiphina Hamaa Keessa Jiru Agarsiisu Maal Fa’a?

Kophummaa filachuu, lafaa ka’anii namatti aaruu. Hirriba rafuu dhabuu ykn baayi’sanii rafuu Waa hojjachuuf humna fi hamilee dhabuu. Xiyyeeffannaa dhabuu (yaada walitti fiduu dadhabuu) Bowwoo mataa (dhukkubbii mataa).

Ulfaatina qaamaa baay’ee dabaluu ykn baay’ee hir’isuu Jeeqamuu marsaa laguu (kan yeroo isaa hin eeggannee fidhukkubbii hamaa ta’e kan qabu) Murtee sirrii hin taane murteessuu Fedhiin walqunnamtii saalaa hir’achuu Alkoolii fi araada-biroo fayyadamuu eegaluu Darbees of ajjeessuuf yaaluu fi kkf.

Rakkooleen Fayyaa Dhiphina Sammuu hamaa waliin walqabataniin nutti dhufan ykn hammaatan maal fa’a?

Olka’uu dhiibbaa dhiigaa Dhukkuba onnee Dhukkuba Sukkaaraa gosa 2ffaa Ulfaatina garmalee fi rakkoo isaan walqabatan Jeeqamuu marsaa laguu Dhukkuba garaachaa Fayyaa gogaa keenyaa Fknf,finniisa Umrii malee qaamni ofii dafee akka dulloomuu fi qaamni keenya akka dadhabu godhuu.

Dhiphinni Sammuu yoo yeroo dheeraa nurra ture rakkoo fayyaa garagaraaf nu saaxiluu danda’a. Akkasumas, dhiphinni garmalee rakkoolee fayyaa dura jirus nutti hammeessuu danda’a.

Furmaanni, Yaalli ykn Gargaarsi Dhiphinaaf Godhamu Maali?

Yaalli ykn gargaarsi yeroo dhiphinaa nuuf godhamu ykn ofiif goonu rakkoo jiruu fi haala qabatamaa jiru irratti hundaa’a. Rakkoo jiru furuufis ta’ee dhiphina keessaa bahuuf gahee guddaakan taphatu abbuma sana itti aansee hiriyaa, maatii fi firoottan nama saniiti.

Akkamitti Of Gargaaruu Dandeenya?

Dursa waan nu dhiphisan beeknee adda baafachuu. Rakkoolee adda baafne haala dandeenyu hundaan hambisuuf yaaluu. Yoo hin danda’amne immoo hir’isuuf yaaluu. Rakkoo jiru ykn waan dhiphinaaf nu saaxile kan duubatti deebisuu hin dandeenye yoo ta’e amananii fudhachuu. Fknf, du’a nama baay’ee jaalattuu ykn maatii keessaa fa’a.

Rakkoon sirra gahe ykn wanti dhiphinaaf si saaxile akkuma kee nama biraas akka dhiphisuu danda’u beeki. Si qofa akka hin taane beeki. Dhiphachuun waanuma jiru. Karoora humnaa olii kan qabatamaa hin taane karoorfachuu dhiisuu.

Badiin balleessan yoo jiraate dhiifama gaafachuu fi waan hamaa gochuu irraa of qusachuu. Hiriyyaa gaarii qabaachuu fi waliin dubbachuu. Waan hojjannuuf sagantaa baafachuu. Boqonnaa gahaa fudhachuu fi bashannanuu Sochii qaamaa (sport) gochuu.

Dhangala’aa fi nyaata madaalamaa ta’e fayyadamuu (bishaan, kuduraa fi muduraa garagaraa) Akka amantaa keenyatti, mana amantii deemuu, faaruu amantaas dhaggeeffachuu. barsiisaa amantaa keenyaas mariisisuu dandeenya.

Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabna?

Dhiphinni keessa jirru baay’een isaa ofuma keenyaaf manatti of gargaaruu dandeenya. Garuu, yeroon mana yaalaa deemnee ogeessa xiinsammuu akka dubbifnu gorfamus ni jira. Isaanis: Dhiphina garmalee fi dhukkubbiin mataa osoo waliirraa hin citin kan nurra turu yoo ta’e. Hojii hojjachuu yoo dadhabne. Yoo barnoota keenya barachuu hin dandeenye ta’e.

Guyyootaa fi sa’aa hedduuf yoo kan rafuu hin dandeenye ta’e. Yoo sababa kanaaf jecha araada garagaraa keessa seenne; Fknf, Alkoolii, Tamboo aarsuu, fi kan biroos Ofiifis ta’ee nama biraa irratti miidhaa geessisuuf yoo yaalta ta’e. Of ajjeessi wanti jedhu yoo kan nutti dhagahamu ta’e ykn kana dura yaallee jirra yoo ta’e.

Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *