Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan Dhibee kalee fi kalee waliin walqabatan rakkoo yeroo ammaa kana guutuu addunyaatti babal’ataa fi yaaddoo guddaa uumaa jiranidha. Dhibeen kalee kunniinis:-
1. Dhibee kalee yeroo gabaabaa (AKI/ Acute kidney injury)
2. Dhibee kalee yeroo dheeraa (CKD/Chronic kidneydisease)
3. Cirracha kalee (renal stones)4. Infeekshiinii kalee (pyelonephritis) fa’a
Sababoota Nama Saaxilan
- Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu.
- Nyaata pirootinii fi ashaboon itti baay’ate yeroo dheeraaf nyaachuu.
- Dhibee sukkaaraa qabaachuu. Keessattuu, yoo qoricha sirnaan hin fudhanne gorsa ogeessa fayyaa hojii irra hin oolchinee fi hordoffii barbaachisaa hin goone ta’e.
- Olka’uu dhiibbaa dhiigaa (hypertension), yoo yeroon beekkamee yaalamuu baate.
- Cirracha kalee, yoo yeroon yaalamuu baatan kalee keenya hojiin ala gochuu danda’u.
- Qorichoota tokko tokko; kan ogeessa fayyaan kennamanis ta’ee kan ofii keenyaa akkanumatti fudhannu ta’uu danda’a.
- Haqqisiisuu fi garaa kaasaa (baasaa) garmalee ta’ee fibalaa tasaan dhiigni garmalee dhiiguu.
- Ulfaatina qaamaa baay’ee guddaa ta’e
- Alkoolii baay’isanii dhuguu.
- Tamboo aarsuu.
- Dhibeewwan biroo kallattiinis ta’e alkallattiidhaan kalee keenya miidhaa irraan geessisuu danda’u. Fknf, HIV, Dhibee busaa fa’a.
Mallattoolee
Mallattooleen dhibee kanaa nama irratti kan mul’ataniif sababa xuraawaan garagaraa fi dhangala’aan qaama keessatti waan kuufamaniif. Dhibeen kun jalqaba irratti mallattoo homaatuu agarsiisuu dhiisuu danda’a. Akkuma miidhaan kalee keenya irra gahu dabalaa deemuun mallattoo agarsiisuu eegalu.
Mallattooleen kunniinis:- Dhiitaa qaamaa fuula irraa eegaluu fi adada adadaan yknsuuta suutaan qaama mara waliin gahuu danda’u. Dhukkubbii cinaachaa, darbee darbee, gara naannoo qaama saalaatti gadi deemuu danda’u. Dadhabbiin namatti dhagahamuu; lafti namaan maruu. Ol-guursisuu,fedhii nyaataa dhabuu fi haqqisiisuu.
Halluun fincaanii diimachuu, hammi fincaanii dabaluu ykn hir’achuu, fincaan nama mudduu/jarjarsuu. Bitaa namatti galuu; xiyyeeffannaa dhabuu. Hoo’i qaamaa dabaluu. Ulfaatinni qaamaa baay’ee hir’achuu (loss of weight).
INFEEKSHINII KALEEFI UJUMMOOLEEFINCAANII (UTI)
Akkuma olitti jenne kaleen keenya dalagaawwan murteessoo hedduu qabdi. Isaan keessaa tokko dhiiga qaama keenya keessaa dhimbiibdee xuraawaa qulqulleessuudha. Xuraawaan kaleedhaan dhimbiibbamee gara ujummoolee fincaanii, kan akka yuureeterii, afuuffee fincaanii fi yuureetiraa fa’atti akka darbutaasifama.
Yeroodhaaf afuuffee fincaanii keessa erga kuufameen booda bifafincaanitiin dhabamsiifama. Infeekshiniin kalee fi ujummoo fincaanii kan uumamu kalee fi ujummooleen kunneen jarmoota akka baakteeriyaatiin gaafa hubaman ykn miidhamaniidha.
Wantoota Nama Saaxilan
Walquunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne gochuu Cirracha kalee fi cirracha ujummoo fincaanii qabaachuu Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu Saalaan shamara ta’uu. Kana jechuun, dubartoonni dhiira caalaa saaxilamoo waan ta’aniif.
Dhukkuboota biroo kan dandeettii dhibee dandamachuu (madiinummaa) huban kanneen akka dhukkuba sukkaaraa, HIV/AIDS, kaanserii fa’a qabaachuu Ujummoon/tubboon namtolchee yeroo dheeraaf nama keessa turuu Uumamaan rakkoo ujummoo fincaanii qabaachuu Umriin raaguu ykn dulloomuu Ijoollee dhiiraa hin kittaanamiin Yaala baqaqsanii yaaluu yeroo dhihootti naannoo qaama wal hormaataati godhame fa’a.
Mallattoolee
Mallattooleen dhukkuba kanaa kan hubame kaleedha moo ujummoolee fincaaniiti kan jedhu irratti hundaa’ee wal fakkeenyaa fi garaagarummaa qabaachuu danda’a. Mallattooleen lamaan keessattuu jiraachuu danda’an:- Dhukkubbii garaa gara gadii Fincaan nama mudduu fi ariifachiisuu yeroo fincaa’an miirri nama gubuu namatti dhagahamuu Ammaa amma nama fincoofsisuu
Halluun fincaanii bifa keelloo qabaachuu ykn malaa fakkaachuu, fi darbee darbee, dhiiga makachuu Kaleen gaafa miidhamte immoo dabalataan mallattoolee akka:- Luqqeettuun ykn cinaachi nama dhukkubuu Dhukkubbii mataaFedhii nyaataa dhabuu Nama dadhabsiisuu Hoo’i qaamaa olka’uu Olguuraa fi haqqee Miirri qorraa namatti dhagahamuu fi nama hollachiisuu
Ittisa
- Walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne raawwachuu dhiisuu.
- Walqunnamtii saalaa booda dafanii fincaa’uu, daqiiqaa 15 keessatti.
- Bishaan gahaa dhuguu, kunis, guyyaatti liitira 2 hanga 3 dhuguu.
- Teessuma qulqulleeffachuuf bishaan fayyadamuu. Keessattuu, dubartoonni gaafa qulqulleeffatan sochiin harka isaanii fuulduraa garaduubaatti ta’uu qaba.
- Qorichoota dhukkuboota biroo sirnaan fudhachuu. Fincaan yoo nama qabe akkuma nama qabeen dafanii fincaa’uu.
- Sochii qaamaa gochuu.
- Qorichoota hin beekkamne akkuma argine fudhachuu dhiisuu.
- Nyaata fuduraa fi muduraa qabu nyaachuu.
- Ashaboo ykn soogidda soorannu xiqqeessuu.
- Ijoollee dhiiraa yeroon kittaansisuu.
Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!
