Baga nagaan gara marsariitii keenya Jalo Press itti nagaan dhuftan. Dhibee busaa dur irraa kaasee dhibee beekamuu fi yeroodhaan kan hin yaalamne yoo ta’e lubbuu nama galaafachuu kan danda’uudha. Dhibeen busaa dhukkuba maxxantuu pilaasmodiyeemii jedhamuun dhufa. Maxxantoonni kunniinis gosoota hedduu kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa nama irratti dhibee busaa fiduu kan danda’an gosa 5tu jiru. Isaanis:-
- a) Pilaasmodiyeemii faalsipaaramii (P.falciparum)
- b) Pilaasmodiyeemii Vayivaaksii (P.Vivax)
- c) Pilaasmodiyeemii Maalaariye (P.malarie)
- d) Pilaasmodiyeemii Ovaalee (p.Ovale) fi
- e) Pilaasmodiyeemii Nawuleesii (P.Knowlesi) fa’a
Biyya keenyatti lamaan jalqaba irra jirantu baay’inaan argama. Dhibeen kun guutuu addunyaatti kan argamu ta’us, biyyoonni dhibeen kun baay’inaan itti mul’atuu fi du’a ol’aanaa sababa dhibee kanaan galmeessan biyyoota Sahaaraa gadii (Sub-Saharan Countries) jiraniidha. Biyyi teenyas isaan keessaa tokkoodha.
Teessuma lafaa biyya keenyaa keessaa harka 75% ol kan ta’u dhukkaba busaaf kan mijatuudha. Yeroo dhibeen kun baay’inaan itti mul’atu waqtii irraa gara waqti itti garagaraa. Waqtiilee lamaan dhibeen kun itti baay’atu:
- Waqtii Arfaasaa:-ji’a Eblaa-Waxabajjii.
- Waqtii Birraa:-ji’a Fulbaanaa-Saddasaa.
Daa’imman umrii waggaa 5 gadi, Dubartoota ulfaa, Namoota dhibee HIV/AIDS qaban fi Tuuristoota (Keessummoota) ykn namoota iddoo dhibeen kun hin jirre irraa gara iddoo dhibeen kun jiruutti deeman irratti dhibeen busaa ni cima. Isaan kana garmalee miidhuu fi lubbuus salphaatti dabarsuu danda’a.
Akkamitti Nama Qaba?
Dhibeen busaa bookee busaa dhaltuu Anoofilasii jedhamtuun daddarba. Bookeen maxxantuu Pilaasmodiyeemii jedhamuun faalamte yeroo dhiiga xuxuudhaaf qaama keenya hidditu maxxantuu kana hidda dhiigaa keenya akka seenu taasisti.
Maxxantuu Pilaasmodiyeemiin erga qaama keenya seeneen booddee gara seelii tiruu nama ciniinname/iddame sanaa keessa seenuun achitti wal hora. Achi booda, gara seelii dhiiga diimaatti darbuun dhibee kana nutti fida jechuudha.
Mallattoolee
Hoo’a qaamaa cimaa ta’e (fever):- hoo’i qaamaa yeroo dhukkuba busaa jiddu jidduutti nama dhiisaa kan mul’atuudha (intermittent). Kunis kan ta’eef, marsaa jireenyaa pilaasmodiyeemiin nama keessatti taasisuun tiruu fi dhiigni diimaan yeroo baay’ee kan miidhaman yoo ta’u mallattoon isaa kun kan mul’atu yeroo dhiigni diimaan miidhamaa jiruttiidha.
Nama hollachiisuu (hurgufuu) fi miirri nama qorrachiisuu namatti dhagahamuu (chill & rigor) Afaan hadheessuu fi fedhiin nyaataa hir’achuu ykn fedhii nyaataa dhabuu (anorexia) Dhukkubbii mataa (headache) Nama dafqisiisuu Qaama caccabsuufi dhukkubbii maashaalee Garaa hammeessuu fi hoqqisiisuu
Mallattoowwan kunneen akkuma gosa maxxantu sanaa irratti hundaa’uudhaan guyyaa 2-3 giddutti deddeebi’anii mul’achuu danda’u.
Ittisa
Iddoo bookeen itti wal horuu dandeessu balleessuu. Innis, bakka dhooqaa bookeewwan irra qubatanii fi bishaan kuufamaa bookeewwan keessatti wal horan akka hin jiraanne gochuu. Bookee busaa ga’eessa balleessuu/ajjeessuu. Keemikaala farra ilbiisaa (insecticide) mana keessatti biifamu fayyadamuu.
Bookeen akka nu hin ciniinne/ hin iddine of eeggannoo gochuu. Kunis, saaphana siree (agoobara) Akkasumas, yoo danda’ame foddaa fi balbala irratti saaphana fayyadamuu, foddaa fi balbala, qaawwa manaa hunda cufuun akka maxxantuun hin seenne ittisuu, uffata adii fi dheeraa ta’e keessattuu, yoo rafnu qaama keenya guutuutti haguuguun uffachuu.
Yeroo lafa dhukkubni busaa itti hedduummatu dhaqnu, dursanii qorsa fudhachuu (prophlaxis). Nama dhibee kanaan qabame hatattamaan yaalchisuu.
Yaala
Namni kamuu mallattoo dhibee busaa akuma of irratti argeen mana yaalaa deemuun; busaa ta’uun isaa yoo beekamee fi yaala yeroon kan argatu yoo ta’e miidhaa hamaa osoo hin geessisin fayyuun ni danda’ama.
Yoo yeroon kan hin yaalamne ta’e garuu,miidhaa guddaa fi hanga lubbuu galaafachutti geessuu danda’a. Kanaaf, dafnee mana yaalaa deemuun haala ogeessi fayyaa nu ajajeen qoricha nuuf kename fudhachuu qabna.
Galatoomaa, yaada fi gaaffii keessan comment irratti naaf barreessaa!
