Appilikeeshiniiwwan Faayidaa Qaban Kudhan (10) Itti Fayyadamaa

Baga nagaan gara marsariitii keenyattii dhuftan jechaa har’a appilikeeshiniiwwan faayidaa qaban kudhan (10) itti fayyadamaa addaaf isiniif kennaan kudhan qabannee isiniif dhufneerra, appilikeeshinoonni kunneen maal akka ta’anii fi maaliif akka isin fayyadan isinan barsiisa. Kanaafuu maxxansa kana hamma xumuraatti sirnaan dubbisuun itti fayyadamaa:- Appilikeeshinoonni kunneenis kanneen armaan gadiiti.

1: TrueCaller (True Caller)

Appilikeeshiniin kun yeroo namni kamiyyuu, lakkoofsa bilbilaa haaraadhaan mobaayila keenya irratti bilbilu, maqaa miidiyaa hawaasaa irratti galmaa’ee jiru nutti agarsiisa, kana jechuunis bilbila mobaayila keenya irratti galmeessuu baannus maqaa nama lakkoofsa bilbilaa sanaan nutti bilbilee beekuuf nu gargaara! Kana malees eenyummaa nama sanaa ittiin beekuuf nu fayyada.

Appilikeeshinii kana buufachuu yoo feetan playstore fi appstore irraa Truecaller jettanii barbaaduun argattanii buufachuu dandeessu.

2: 360 Security

Appilikeeshiniin kun Antivirus dha, kunis bilbila keenya irraa vaayirasii, malware fi trojan irraa eeguuf appii nu gargaarudha. Haaluma kanaan vaayirasii bilbila Andirooyidii keenya suuta jedhanii, sirni opereetiingii yookiin operating system guutummaatti akka hin kufne taasisan ittisuudhaan bilbila keenya balaa fi rakkoo hamaarraa nuuf eega.

Kanaafuu appilikeeshinii kana playstore irraa 360 Security jechuun barbaaddanii buufachuun akka itti fayyadamtan isinan gorsa.

3: Wi-Fi Map

Appiin kun immoo jecha darbii Wi-Fi ittiin argachuuf nu gargaara, akkuma beekamu Neetworkiin Wi-Fi hoteelotaa yookiin bakkeewwan biroo keessatti argaman irra caalaan isaanii jecha darbii (password) dhaan kan eegamaniidha. Kana jechuunis jecha icciitii ykn password Wi-Fi barbaannu sanaa yoo hin qabaanne, Wi-Fi fayyadamuu hin dandeenyu jechuudha.

Kanaafuu Appilikeeshiniin kun password Wi-Fi addunyaa kanarra jiran hunda jechuun ni danda’ama nutti ni agarsiisaa. Appii kana download gochuun erga install goonee booda, kaartaa Itoophiyaa barbaaduun ni filanna, Sana booda magaalaa barbaanne filachuudhaan, innis networkii Wi-Fi magaalittii keessa jiruu fi jecha icciitii (password) isaanii nuuf fida jechuudha.

Yoo networkii Wi-Fi naannoo isin keessa jiraattan keessa jiraatellee, jecha icciitii isaa argachuuf appii kanatti fayyadamuun furmaata salphaadha. Kanaafuu appilikeeshinii kanas playstore irraa barbaaduun buufadhaa.

4: Whistle Phone Finder

Bilbila keessan mana keessan keessattis ta’e, bakka hojii garaagaraatti dhabdanii yookiin gattanii beektuu? Yoo beektu ta’e bilbila keessan barbaaduuf, bilbila nama irraa ergifattee itti bilbiluun si rakkiseera mitii, amma garuu yoo appilikeeshinii kana bilbila keessan irratti install yoo godhattan, yeroo bilbila keessan lafa keessan dhabdan whistle gochuu qofaan argachuu dandeessu.

Kana gochuufis Sagalee whistle keessan app kana keessatti activate gochuun, bilbila keesaan iddoo keessan yeroo dhabdanitti akka bilbilamu gochuuf sagalee keedhaan bilbila kee salphaatti akka argattuuf si gargaara. Kanaafuu appii kanas playstore irraa nii argattu.

5: NextDoor

Appilikeeshiniin bilbilaa kun appii nama ollaa keenya waliin haasa’uuf ni dandeessisu yommuu ta’u, Appii kanatti fayyadamuun ollaa keenya waliin odeeffannoo adda addaa wal jijjiiruun gargaarsa barbaadnu argachuu fi hojii wal fakkaataa ittin hojjechuu dandeenya! Appii kanatti fayyadamuuf interneetii nu hin barbaachisu, bilisaan itti fayyadamna. App kanas argachuuf playstore irraa argachuu dandeessu.

6: Instapaper

Appiin ajaa’ibaa kun immoo odeeffannoowwan mobaayila keenya irratti argannu kamiyyuu keessatti save godhachuudhaan, yeroo barbaannetti bannee keessaa dubbisuuf yookiin ilaaluuf kan nu gargaarudha. Appiin kunis playstore irraa ni argama buufadhaa.

7: YoutubeKids

Appiin kun appii YouTube kan dhaabbanno Google hojjete yommuu ta’u, garuu appilikeeshinii daa’immaniif qofaa hojjetamedha. Kunis muuziqaawwan, viidiyoo fi barnoota isaaniif ta’u irraa ni argatu, kanaafuu Warreen waggaa 18 gad ta’aniif appii kanatti akka fayyadamaniif ni gorfama. Kanaaf app kana buusuun akka itti fayyadamaan taasisaa.

8: Learn C++

Appiin kun namoota C++ barachuu barbaaddaniif appii gaarii ta’edha. Bilbiluma keessan irratti C++ barachuun programmer fooyya’aa fi gaarii ta’e ittiin ta’uu dandeessu. App kanas playstore fi appstore irraa ni argattu.

9: IDM download manager

IDM akkuma beekamu kan nuti kompiitara keenya irratti faayiloota adda addaa saffisaan irraa buufachuuf itti fayyadamnu yommuu ta’u dhi’eenya kana appii kana bilbiloota Andirooyidiif akka ta’utti hojjechuun gadhiisee jira.

IDM faayiloota nu barbaachisan buufachuuf yeroo gabaabaa keessatti si’a biraawzarii bilbila keenyaarraa buufachuuf dadhabaa nu jalaa ta’utti, innimmoo ariitiidhaan faayila sana xiqqeessuudhaan ittiin irraa buufanna, kanaaf app kanas playstore irraa ni argattu buufadhaa.

10: DiskDigger

Appiin DiskDigger immoo suuraa, muuziqaa, viidiyoo fi faayiloonni biroon akka tasaa bilbila keenya irraa yoo haqne, kuusaa daataa gadi fagoo bilbilaa qorachuun faayila keenya bade sana nuuf ni deebisa. Yoo faayiloonni keenya barbaachisoo ta’an dogoggoraan yookiin nama biraatiin nu jalaa haqaman ta’e, appiin Diskdigger jedhamu kun furmaata keenya nuuf ta’a!

Appii kanas yoo barbaaddan playstore irraa buufachuu dandeessu jechuudha. Egaa hamma ammaatti appilikeeshiniiwwan kudhan kan faayidaalee garaagaraaf nu fayyadan waliin ilaalleerra, waan obsaan dubbistaniif ulfaadhaa

Gaaffii fi yaada yoo qabaattan comment irratti naaf barreessaa Galatoomaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *